[1] “Yeroo qelejjeen itti dhaltu ati beektaa ree” Yookiis yeroo borofni dhaluuf nanaannoftu caqafteettaa”
[2] Ji'a meeqaaf akka isaan garaatti baatan lakkaa'uu dandeessaa” Yookiis yeroo isaan itti dhalan beektaa”
[3] Isaan miixatanii in dhalu, rakkina isaaniittii in hiikamu.
[4] Ilmooleen isaanii in jabaatu, bakkee keessatti in guddatu, in ba'u gara isaaniittis hin deebi'an.
[5] “Harree diidaa birmadummaatti eenyutu gad dhiise” Hidhaa harree diidaa kanas eenyutu hiike”
[6] Ani lafa duwwaa, mana, bakkee soogiddaas iddoo taa'umsaa godhee nan kenneef.
[7] Inni sagalee mandaraatti in kolfa, waca nama isa oofuus hin dhaga'u.
[8] Dheedicha argachuudhaaf tulloota irra in naanna'a, waan marga fakkaatu hundumaas cimsee in barbaada.
[9] “Gafarsi siif hojjechuudhaaf tole in jedhaa” Dallaa kee keessas in bulaa ree”
[10] Gafarsa funyoo isaatiin hiitee bo'ootti in galfattaa” Yeroo ati dachaa keessaa qottu, inni immoo akka namaatti si booddeedhaan in kukkutaa ree”
[11] Sababii humni isaa guddaa ta'eef isa in abdattaa” Hojii kee isa dadhabsiisaas isatti in dhiiftaa”
[12] Midhaan kee akka siif sassaabuuf, gara oobdii keettis akka siif fiduuf isa in amanatta”
[13] “Guchiin gammachuudhaan baallee ishee walitti rukutatti, garuu baalleen ishee akka isa allaattiin hawaannisaa ittiin balali'u miti.
[14] Isheen hanqaaquu lafatti in hanqaaqxi, biyyoon akka itti ho'uuf, achumatti dhiiftee in adeemti;
[15] garuu miilli akka buruqsu, bineensis akka irra ejjetu hin yaadattu.
[16] Akka waan kan ishee hin ta'iniitti cuucota isheetti garaa jabaatti, akka waan lafuma duwwaa miixatteettis hin yaaddoftuuf.
[17] Ani Waaqayyo ogummaa hin kenniniifan hafe, hubachuufis qooda hin laanneef.
[18] Isheen yeroo ol fudhattee fiigdu immoo, fardaa fi abbaa fardaatti in kolfiti.
[19] “Fardaaf jabina kan kennu sii” Morma isaattis gama kan uffisu sii”
[20] Ati akka hawaannisaa akka inni quruphisu in gootaa” Xirqansuun isaa inni humna-qabeessi sodaachisaa dha.
[21] Inni dachaa kottee isaatiin dha'ee keessa in ba'a, humna isaatti in gammada, ka'ees mi'a lolaatti addaan in dhaqa;
[22] raawwatee hin sodaatu, hin naasifamu, billaa irraas hin deebi'u.
[23] Xiyyi korojoo keessaa qarri eeboo inni calaqqisaanii fi bodeen, cinaacha isaatti bubbu'ee in kililcha;
[24] inni lafa raasaa, rom'isiisaas karaa isaa in fixa, yeroo sagalee fiinoo dhaga'us dhugaa hin se'u.
[25] Yeroo sagaleen fiinoo dhaga'amus,“Uffee!” jedha, dhaadannaa abboota duulaa, waca, waraanaas fagootti foolii in fuudha.
[26] “Corofeen ogummaa keetiin marsitee, baallee ishee gara mirgaatti in bal'ifattii ree”
[27] Joobirri abboommii keetiin tulluutti ol ba'ee, mann'ee isaa gubaa sanatti ijaarrataa ree”
[28] Inni kattaa gubbaa in taa'a, lafti buufata isaas achi, kattaan fofottoqaan, qaramaanis da'oo isaa ti;
[29] achi irra taa'ee wanta adamsee qabatu in gaada, iji isaas fagootti in arga.
[30] Cuuconni isaa dhiiga in dhugu, innis lafa raqni jirutti in argama” jedhe.