Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:26

[1] Eliihuun itti dabalee,

[2] “Inni ati, “Waaqayyo duratti ani qajeelaa dha” jettu kun, dubbii dhugaa sitti fakkaataa ree”

[3] Atoo,“Bu'aa maaliin keessaa argadha” Cubbuu dhiisuu kootiin maalan caalaa waa'ee baafadha?” in jetta.

[4] “Isa kanaaf immoo ani, siif, firoota keefis deebii nan kenna;

[5] gara waaqaatti ol ilaali! Kunoo, duumessoonni si gara irraa jiran hammam akka ol fagaatan yaadaan qabi!

[6] Ati cubbuu yoo hojjette isa irratti maal fida” Irra-dadarbaan kee yoo baay'ates maal isa godha”

[7] Ati qajeelaa yoo taate isaaf maal laatta” Harka kee keessaas inni maal fudhata”

[8] Jal'inni kee nama akka keetii in miidha, qajeelinni kee immoo ilmaan namootaaf dhimma in baasa.

[9] “Sababii cunqurfamuun baay'ateef namoonni in iyyu; sababii irree isa jabaatiifis gargaarsaaf in iyyatu.

[10] Garuu eenyu illee,“Waaqayyo uumaan koo, inni halkan namni akka isa faarfatu godhu, eessa jira”

[11] Inni bineensota lafaa caalaatti nu barsiisu, simbirrootaa fi allaattota qilleensa keessa balali'an caalaas, ogeessota nu godhu eessa jira?” hin jenne.

[12] Achitti namoonni in iyyu, inni garuu sababii of bokoksuu warra hamaa godhaniitiif, isaaniif hin deebisu!

[13] Waaqayyo dhugumaan iyyata akkasumaanii hin dhaga'u, inni hundumaa danda'us gara isaa hin mil'atu.

[14] Egaa yeroo ati, “Isa hin argu” jettu immoo, hammam kanaa gad haa ta'u ree” Dhimmi kee isa dura jira, isuma eeggadhu!

[15] Ammas immoo inni akkuma aaretti waan hin adabneef, gowwummaas waan guddaatti waan hin lakkoofneef,

[16] Iyoob dubbii waa'ee hin baafneen afaan isaa saaqqata, beekumsa malees dubbii in baay'isa” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters