Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:05

[1] Dhuguma boolli meetii keessaa qotan, lafti warqee itti baqsanis jira.

[2] Sibiilli lafa keessaa in baafama, sibiilli diimaanis gordana keessaa in yaafama.

[3] Namni hamma golee, daarii dukkanaatti in adeema, gordana, gaaddisaa fi dukkana limixii keessaa barbaaduufis, hamma dhuma isaatti in fonqolcha;

[4] namoonni lafa namni jiraatu irraa fagaatanii, iddoo miilli kara-adeemaa achi irra ba'uu dhiisetti, qaawwa ittiin gad lixan qotatanii, nama irraa fagaatanii rarra'anii, asii fi achi in furduddaa'u.

[5] Lafa keessaa nyaatatu ba'a, jala isaatii immoo wanta akka ibiddaatu ol gara gala.

[6] Gordana isaa keessaa Safiirostu ba'a, biyyoon isaas daakuu warqee of keessaa qaba.

[7] Karaa sana allaattiin fooniin jiraatu hin beeku, iji culullees isa hin argine.

[8] Bineensonni surraa qaban achi hin ejjenne, leencis achiin hin darbine.

[9] “Namni harka isaatiin kattaa jabaa in cabsa, tullootas hundeedhaan gara in galcha.

[10] Inni dhagaa keessa qotaa in baasa, iji isaas wanta gati-jabeessa hundumaa in arga.

[11] Ijoon burqituu akka hin lolaafneef in ittisa, wanta dhokataa immoo bakkeetti in baasa.

[12] “Garuu ogummaan eessatti argama” Iddoon hubannaas eessa”

[13] Ogummaan biyya namoonni jiraatan keessatti hin argamu, namnis gatii isaa hin beeku.

[14] Callabboon,“Ogummaan ana keessa hin jiru” jedha, galaannis,“Ana biras immoo hin jiru” jedha.

[15] Inni warqee qullaa'aadhaan hin argamu, gatiin isaas meetiidhaan hin safaramu.

[16] Gatiin isaa warqee Ofiiriin, Sardoniikis isa gati-jabeessaan yookiis Safiirosiin hin shallagamu.

[17] Warqeenii fi of-ilaaleen ittiin hin qixxaatu, mi'i warqee qullaa'aas geddaraa isaa hin ta'u.

[18] Gatiin ogummaa callee gati-jabeessa irra, elellaan diimaa irras in caala'o;

[19] inni“Xophaaziyon” isa jedhamu isa kan Itiyoophiyaatti hin fakkeeffamu, warqee qullaa'aadhaanis gatiin isaa hin shallagamu.

[20] “Egaa ogummaan eessaa dhufa ree” Iddoon hubannaas eessa ree”

[21] Inni ija warra jiraatanii hundumaa duraa dhokateera, simbirroota qilleensa keessa balali'an duraas miliqeera.

[22] Iddoon badiisaa fi duuni, “Nuyi oduu isaa duwwaa gurra keenyaan dhageenye” in jedhu.

[23] Waaqayyo karaa ogummaatti geessu in hubata, iddoo isaas isuma duwwaatu beeka.

[24] Inni lafa hamma dhuma isaatiitti waan ilaaluuf, wanta bantiiwwan waaqaa jala jiran hundumaa in arga.

[25] Qilleensa miijanaan, bishaanotas qodaadhaan yeroo safare,

[26] bokkaadhaaf seera, balaqqeessa kakawweefis karaa yommuu baase,

[27] yommus inni ogummaa ilaalee, ibsa itti in kenne; cimsee isa dhaabe, qoree isa ilaales.

[28] Namaan immoo, “Kunoo, Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha, waan hamaa irraa goruunis hubannaa dha?” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters