[1] Yommus Waaqayyo bubbee sana keessaa Iyoobitti dubbatee,
[2] “Inni dubbii beekumsa malee dubbatamuun, akeeki koo akka hin mul'anne godhu kun eenyu”
[3] Ati ka'ii, mudhii kee hidhadhuu qophaa'i! Ani sin gaafadha, ati immoo anaaf deebisi!
[4] “Yommuu ani hundee lafaa kaa'e, ati eessa turte” Hubannaa isaa yoo qabaatte anatti himi!
[5] Beekta yoo ta'e, safara isaa eenyutu murtoo itti godhe” Yookiis eenyutu funyoo irra harkise”
[6] Hundeen isaa maal irra dhaabame” Yookiis dhagaa isaa isa golee qajeelchu eenyutu dhaabe”
[7] Yeroo sanatti urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.
[8] “Yeroo galaanni cabsatee manii isaa keessaa ba'utti, balbala itti godhee kan isa ittisu eenyu ree”
[9] Yeroo ani duumessa uffata isaa, duumessa isa dukkanaa'aas wayyaa marata isaa godheef,
[10] daariis godheefii, balbala isaa fi danqaraa isaa itti kaa'ee,
[11] “Hamma asiitti in dhufta, kana irra garuu hin darbitu; asitti bokoka dha'aa keetiitti ittisi in godhama” nan jedheen.
[12] “Ati erga dhalattee ganama abboomtee, bariin lafaas iddoo isaa akka baru gooteettaa”
[13] Akka inni garasii fi garanaan andaara lafaa qabee, warri jal'oonni irraa gad hurgufaman gooteettaa”
[14] Lafichi akka suphee jiidhaatti ittiin mallateessaniitti bifa in geddarate, uumamni isa irraa hundinuus bifa garaa garaatiin miidhagfamanii in mul'atu;
[15] ibsaan warra jal'ootaa isaan duraa in qabame, irreen isaanii inni ol fuudhames in cabe.
[16] “Ati burqituu galaanaa bira dhaqxeettaa” Gad fageenya galaanichaas qoruudhaaf keessa adeemteettaa”
[17] Balballi karra du'aa siif banameeraa” Karra iddoo dukkana sodaachisaa sanaas argiteettaa”
[18] Bal'ina lafaa hubatteettaa” Kana hundumaa beekta yoo ta'e anatti himi!
[19] “Karaan lafa ifni jiraatutti geessu meerre” Dukkanni immoo eessa jiraata”
[20] Ati gara daarii isaatiitti akka isa geessituuf, daandii mana isaas gargar baaftee akka hubattuuf eessa ree”
[21] Mee jedhi kaa! Atoo yeroo sana dhalatteetta, kanaaf in beekta; barri jireenya kees baay'ateera!
[22] “Ati gombisaa cabbii lixxee beektaa” Gombisaa qorraas argiteettaa”
[23] Isa ani yeroo dhiphinaatiif, guyyaa lolaaf guyyaa waraanaatiif kaa'e sana,
[24] karaan ifni ittiin asii fi achi tamsa'u, qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan, ittiin lafa irra bittimfamus isa kam”
[25] Eenyutu lolaa bishaaniif bo'oo, balaqqeessa kakawweefis karaa baase”
[26] Lafa namni hin jirretti eenyutu lafa onaa namni keessa hin jiraannettis bokkaa roobsee,
[27] lafa gad dhiifamaa waa'ee hin baafne quubsa” Margi lalisaanis akka irratti biqilu godha”
[28] Egaa bokkaan abbaa qabaa ree” Copha fixeensaa immoo eenyutu dhalche ree”
[29] Cabbiin gadameessa eenyu keessaa ba'e” Qorra akka hurrii addaatu isa waaqa keessaa ba'us eenyutu dhale”
[30] Yeroo bishaan wal qabatee akka dhagaa ta'u, irri callabboos yeroo qorru,
[31] tutee urjoota “Torbii” jedhaman walitti hidhu, yookiis hidhaa urjoota “Sadee” jedhamanii hiikuu in dandeessaa?
[32] “Ati urjoota marsan yeroo isaaniitti in geggeessitaa” Urjii isa “Amaaketa” jedhamu immoo ilmaan isaa wajjin karaa in argisiiftaa”
[33] Abboommii bantii waaqaa keessa jiru beektaa” Seerrata isa keessaas biyya lafaa irra dhaabuu in dandeessaa?
[34] “Lolaan bishaanii akka si liqimsuuf, sagalee kee ol fuutee duumessatti dubbachuu in dandeessaa”
[35] Ati, bakakkaan akka ba'uuf in ergitaa” Innis,“Kunoo, ani asan jira” siin in jedhaa”
[36] Eenyutu ogummaa iddoo dhokataa keessa kaa'e” Hubannaa immoo sammuudhaaf eenyutu kenne”
[37] Eenyutu ogummaadhaan duumessoota lakkaa'a” Eenyutu qalqala bishaanii isa waaqa keessaa jigsee bishaan gad naqa”
[38] Biyyoon lafaa akka jabaatu, supheenis akka dafee wal qabatu eenyutu godha?
[39] “Ati leenca dhaltuudhaaf nyaata ishee adamsitaa ree” Saafela leencaas beela in baaftaa ree”
[40] Yeroo isaan walitti galanii mann'ee isaanii keessa jiranitti, iddoo ciisicha isaaniitti riphanii yeroo ciisanitti beela isaan in baaftaa ree”
[41] Yeroo cuuconni ishee waan nyaatan dhabanii asii fi achi jooranii, ana Waaqayyotti boo'anis, qurruudhaaf eenyutu nyaata kennaaf?