[1] Kana irratti Iyoob deebisee,
[2] “Dhuguma iyyuu kun akkas akka ta'e ani beeka! Garuu namni attamitti Waaqayyo duratti qajeelaa ta'uu danda'a ree”
[3] Namni tokko Waaqayyotti falmuu yoo barbaade, kuma keessaa tokkotti illee Waaqayyo deebii hin kennuuf.
[4] Ogummaan Waaqayyoo gad fagoo dha, inni aango-qabeessa; eenyutu mata-jabina isaatiin isaan mormee nagaatti jiraate”
[5] Inni dheekkamsa isaatiin tulloota yeroo gara galchu, utuu isaan quba hin qabaatin, iddoo isaaniitii isaan in buta.
[6] Inni lafa iddoo isaatii in sochoosa, utuboonni lafaas in raafamu;
[7] inni biiftuu in abbooma, akka isheen ifa hin kennines in godha; ifa urjootaas mallattoodhaan in cufa.
[8] Inni kophaa isaa bantiiwwan waaqaa in diriirse; dha'aawwan galaanaa irras in ejjete;
[9] urjoota “Amaaketa guddicha” jedhaman, urjoota “Sadee” jedhaman, urjoota “Torbii” jedhaman, tutee urjoota gara mirgaas isatu uume.
[10] Wanta gurguddaa hubannaa namaa gara irraa ta'e, wanta dinqisiisaa lakkoobsa hin qabnes in hojjeta.
[11] Kunoo, anatu isa hin argu malee, inni na bira in adeema; anatu isa hin hubatu malee, inni na bukkee in darba;
[12] Yoo inni butee adeeme, eenyutu isa dhowwachuu danda'a ree” Eenyutus wanta inni hojjetu isa gaafachuu danda'a ree”
[13] Waaqayyo dheekkamsa isaa hin deebisu, warri Rahaab jawwee galaanaa sana gargaaran miilla isaa jalatti gad in gugguufu.
[14] “Egaa attamittan deebii isaaf kennuu danda'a” Wantan isaa wajjin dubbadhus attamittan fo'achuu danda'a ree”
[15] Utuman dhugaa qabaadhe illee abbaa firdii kootiin araara kadhadha malee, deebii isaaf kennuu hin danda'u;
[16] utuman isa waammadhee innis anaaf deebisee iyyuu, akka inni sagalee koo dhaga'u amanuu hin danda'u.
[17] Inni bubbee humna-qabeessaan na cabsa, sababii malees madaa koo in baay'isa;
[18] inni wanta hadhaa'aadhaan na guuta malee, hafuura ana hin fudhachiisu.
[19] Waa'ee humnaaf yoo ta'e, inni aango-qabeessa; waa'ee firdiif yoo ta'e, eenyutu iddoo sanatti isa waama”
[20] Utuman dhugaa qabaadhe illee, afaan koo anatti in farachiisa; utuman qajeelaa ta'e iyyuu, “Ati jal'aa dha” naan jedha.
[21] “Utuman hir'ina hin qabu ta'e iyyuu, ani waa'ee ofii kootii hin beeku, jireenya koos nan jibba.
[22] Hundumtuu tokkichuma, kanaafan,“Inni warra qajeelotaa fi warra jal'oota walumatti qabee in balleessa” jedhe.
[23] Dha'ichi du'a dingataa yommuu fidu, inni abdii kutachuu warra balleessaa hin qabneetti in kolfa.
[24] Yommuu biyyi lafaa harka warra jal'otaatti kennamtu, Waaqayyo ija abboota firdii biyyichaa in jaamsa; isa malee eenyutu kana godha ree”
[25] “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa in ariifata; inni qaratti in balali'a, wanta gaariis hin argu.
[26] Inni akka bidiruu jajjaba irraa hojjetameetti, akka joobira wanta nyaatu irratti bubbu'uu fi balali'uutti, dafee in darba.
[27] Ani,“Gadda koo nan irraanfadha, nyaara guuruu dhiisees nan seeqa” yoon jedhe,
[28] akka nama yakka hin qabneetti, akka ati ana hin ilaalle waanan beekuuf, dhiphinni koo hundinuu na rom'isiisa;
[29] balleessaan anatti murama erga ta'ee, maaliifan akkasumaan dhama'a ree”
[30] Saamunaadhaan utuun dhiqadhee iyyuu, harka koos daaraadhaan utuman qulleeffadhe iyyuu,
[31] ati raaree keessa na buufta, uffanni koos ana in ciigga'a.
[32] “Akka walii wajjin firdiitti dhi'aannee, deebii isaaf hin kennineef, inni akka koo nama foon uffate miti;
[33] namni nu araarsuudhaaf, harka isaa nu lamaanuu irra qabu hin jiru;
[34] silaa'oo inni ulee isaa dugda koo irraa in fuudha, naasisuun isaas ana hin sodaachisu ture;
[35] anis utuun isa hin sodaatin, isatti nan dubbadhan ture; amma garuu ofii kootiin isatti dubbachuu hin danda'u.