[1] “Namni dadhabbiidhaan lafa irra jiraata, barri isaas akka bara nama qacaramee hojjetuu ti mitii ree”
[2] Akka hojjetaa isa gaaddisa galgalaa eeggatuu, akka nama qacaramee miindaa isaa abdatuu,
[3] akkasuma ji'oota gatii hin qabne nan dhaale, halkan gadadamoonis anaaf in kennaman;
[4] yommuun ciisu,“Yooman ka'a?” nan jedha, halkan anatti dheerate, hamma bari'utti asii fi achi garan gaggala;
[5] gogaan koo babbaqaqee na dhiiga; raammoonii fi xof-xofiin foon kootti uffisan;
[6] barri koo kolloo wayya-dhooftuu caalaa ariifata, abdii malees in dhuma.
[7] “Yaa Waaqayyo, jireenyi koo akka qilleensa shuf jedhuu akka ta'e yaadadhu, iji koo deebi'ee wanta gaarii hin argu;
[8] iji namaa inni amma ana argu, deebi'ee ana hin argu; iji kee na barbaada, ani garuu si'achi hin argamu.
[9] Akkuma duumessi irraa jalaan tamsa'ee badu, akkasuma namni du'ee awwaalamu ol hin deebi'u;
[10] si'achi gara mana isaatti hin deebi'u, naannoon isaas deebi'ee isa hin baru.
[11] “Ani garuu afaan koo hin qabadhu; sababii hafuurri koo dhiphatuuf nan dubbadha, sababii jireenyi keessa ba'ee anatti hadhaa'uufis nan himadha.
[12] Ani galaana immoo yookiis jawwee galaanaatii iyyuu, ati ittisa anatti goote”
[13] “Sireen koo na jajjabeessa, iddoon ciisicha koos gadda koo anaaf salphisa” yommuun jedhu,
[14] ati immoo abjuudhaan na sodaachifta, mul'ataanis na naasifta;
[15] dhiphina ani itti jiru kana irra, hudhamee du'uu nan fo'adha;
[16] jireenya koo nan jibbe, ani bara baraan as hin jiraadhu; barri jireenya koo akkuma qilleensa shuf jedhuu ti'o, kottu, na dhiisi!
[17] “Ati guddaatti akka isa ilaaltuuf, yaada kees akka isa irra keessuuf, namni maali”
[18] Ati ganama ganama isa in ilaalta, yeroo hundaas isa in qorta.
[19] Hamma yoomiitti ija ana irraa hin buqqifattu” Hamma liphsuu ijaaf illee na hin dhiiftuu”
[20] Ani yoon yakke iyyuu, maalan si godhe, yaa eegduu namaa” Waan itti akeekkatte maaliif na godhatte” Maaliifan ba'aa sitti ta'e”
[21] Ati irra-daddarbaa koo maaliif naa hin dhiiftu” Yakka koo maaliif na irraa hin fuutuu” Ani amma awwaalamee biyyoo keessa nan ciisa; ati na barbaadda, ani garuu deebi'ee hin argamu” jedhe.