Listen to this chapter • 0:54
[1] Kana booddee immoo Biildaad Shu'aahichi deebisee,
[2] “Mootummaanii fi sodaatamuun kan Waaqayyoo ti, inni bantii waaqaa isa ol ka'aa irratti nagaa in buusa.
[3] Loltoonni isaa lakkoobsa qabuu ree” Ifni isaa eenyu irratti ba'uu dhiisa ree”
[4] Egaa attamitti namni Waaqayyo duratti qajeelaa ta'uu danda'a ree” Namni nama ta'ee dhalates attamitti qullaa'aa ta'uu danda'a ree”
[5] Kunoo, isa duratti ji'i illee ifaa miti, urjoonnis qullaa'oo miti;
[6] kana caalaatti immoo namni inni bunqursaan, ilmoon namaa inni raammoon, hammam haa xinnaatu ree?” jedhe.