[1] Waaqayyo ammas Iyoobitti dubbatee,
[2] “Namni anaan morkatee, ana isa hundumaa danda'u in hadheessaa ree” Inni ana Waaqayyotti falmu deebii haa kennu!” jedhe.
[3] Yommus Iyoob deebisee Waaqayyoon,
[4] “Kunoo, ani salphadheera, afaan koo nan qabadha malee, maalan siif deebisa ree”
[5] Ani akkan deebii hin kennineef takkaa dubbadheera, si'achis lammaffaa itti hin dabalu” jedhe.
[6] Kana booddee Waaqayyo deebisee, bubbee keessaa Iyoobitti dubbatee,
[7] “Ati ka'ii mudhii kee hidhadhuu qophaa'i! Ani sin gaafadha, ati immoo anaaf deebisi!
[8] Ati firdii koo iyyuu in cabsitaa” Ofii qajeelaa akka taatuufis ana hamaa baaftaa?
[9] “Irree akka irree kootii qabdaa ree” Sagalee akka sagalee kootiitiinis in qaqawweessoftaa ree”
[10] Yoos ulfinaa fi guddinaan of kuuli, surraa fi simboos uffadhu!
[11] Aarii kee isa irra-dhangala'aa firfirsi! Isa of bokoksu hundumaas ilaali, gad isa deebisis!
[12] Nama of bokoksu hundumaa ilaali, gad isa deebisi! Jal'ootas lafa isaan dhaabatanitti dhidhiiti!
[13] Ati fuula isaaniitti mariitii, iddoo dhokataa lafa jalaa sanatti biyyoo keessa isaan dhoksi!
[14] Yommus harki kee inni mirgaa mo'icha akka si argachiisu, ani immoo siif nan hima.
[15] “Bineensa guddaa akka roobii, isa ani akkuman si uume isas uume ilaali! Inni akka qotiyyoo marga in dheeda.
[16] Jabina isaa isa mudhii isaa keessa jiru, humna isaa isa sulluuda garaa isaatii keessa jirus ilaali!
[17] Inni eegee isaa akka gaattiraatti gogsee gad in rarraasa, ribuun luka isaa wal keessa dha'amaa dha.
[18] Lafeen isaa akka hujummoo sibiila borrajjii ti, caaroowwan isaas akka danqaraa sibiilaa ti;
[19] ani Waaqayyo kanan uume keessaa inni isa caaluu dha, ani uumaan isaa isa ajjeesuu nan danda'a.
[20] Tulloonni lafa dheedicha isaa in ta'u, bineensonni caakkaas achitti in gammadu.
[21] Inni huuxxii qoraattii jala, dhallaadduu dhoqqee keessaa gidduus dhokatee in ciisa.
[22] Huuxxiin qoraattii gaaddisa isaatiin isa in dhoksa, alaltuun lagaas isa in marsa.
[23] Yommuu dha'aan bishaanii ol ka'ee gad deebi'u inni hin baqatu, Yordaanos huuruu isaa irra yoo yaa'e iyyuu inni hin shishu.
[24] Eenyu illee utuu iji isaa ilaaluu isa qabuu, yookiis kiyyoodhaan funyaan isaa uruu in danda'a ree”