Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:26

[1] “Hafuurri koo na keessaa yaa'uuf jetti, barri jireenya koo dhumeera, awwaallis anaaf qophaa'ee jira.

[2] Dhuguma warri ga'iftuun na marsanii jiru, iji koos tuttuqaa isaanii irra buufatee jira.

[3] Anaaf qabsiisa kan ta'u of bira anaaf kaa'i! Si malee abdii kan anaaf ta'u eenyu ree”

[4] Akka isaan hin hubanneef yaada isaanii jalaa dhoksiteetta, kanaaf akka isaan mo'an hin gootu;

[5] nama qabeenya firoota isaa hirmachuuf jedhee maqaa isaanii balleessu, iji ijoollota isaatii arguu in dadhaba.

[6] Waaqayyo, nama isa namni fuula isaatti tufu, nama hundumaafis muka mammaaksaa na godhe.

[7] Gadda irraa kan ka'e iji koo arguu dhabe, bu'aan dhagna kootii hundinuus gaadidduu isaatu adeema.

[8] Namoonni yaada qajeelaa qaban kana in dinqifatu, namni balleessaa hin qabne warra Waaqayyo malee jiraatanitti in ka'a;

[9] haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan karaa isaatti in jabaata, inni harki isaa hin xuraa'inis humna dabalachaa in adeema.

[10] “Hundumti keessan mee deebi'aatii yaalaa! Ani garuu isin gidduudhaa nama ogeessa hin argadhu.

[11] Barri jireenya koo darbeera, akeeki koo, hawwiin garaa koos karaatti in hafe.

[12] Jarri kun halkan guyyaatti in deebisu, yeroo dukkanaa'u immoo,“Ifni dhi'oo dha” in jedhu.

[13] Iddoo lafa jalaa akka mana kootiitti yoon ilaale, siree koos dukkana keessa yoon dhaabadhe,

[14] boolla qilleetiin,“Ati abbaa koo ti?, raammoodhaanis,“Ati haadha koo ti yookiis obboleettii koo ti” yoon jedhe,

[15] egaa yoos abdiin koo meerree ree” Abdii koo kanas eenyutu arga ree”

[16] Inni gara karra iddoo lafa jalaatti gad in bu'aa ree” Walii wajjinis biyyoo keessa gad in linnaa ree?” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters