[1] “Ati hokkoo qurxummiitiin lewaataan bineensa akka jawwee harkiftee baaftaa ree” Yookiis arraba isaa funyoodhaan hiitee gad in qabdaa ree”
[2] Funyoo funyaan isaa keessa in baaftaa ree” Yookiis qaaruu isaa qoraattiidhaan in urtaa ree”
[3] Inni immoo deddeebi'ee si kadhataa ree” Arraba laafaadhaanis sitti in dubbataa ree”
[4] Sii wajjinis kakuutti in galaa ree” Ati immoo guutummaa bara jireenya keetti garba isa in godhattaa ree”
[5] Akka simbirrootti ittiin in taphattaa ree” Yookiis intaloota keetiif isa in hiitaa ree”
[6] Warri hidhata keessanii isa irratti wal qacaratuu ree” Isas warra bitee gurguruuf in hiruu ree”
[7] Ati gogaa isaatti eeboo furuursaadhaan darbatamu, mataa isaattis hokkoo qurxummii ittiin qaban in guuttaa ree”
[8] Harka kee yoo isatti buufte, lola sanas in yaadatta, deebitees kana hin gootu.
[9] Kunoo, namni bineensicha loluudhaaf of amanachuun gowwoomuu dha, isuma yommuu argu in kufa mitii ree”
[10] Isa kaasuudhaaf, kan garaa jabaatu tokko illee hin jiru erga ta'ee, egaa namni anaan mormuudhaaf na dura dhaabachuu danda'u immoo eenyu ree”
[11] Wanti bantii waaqaa jala jiru hundinuu kan koo ti, ani akkan baasuufitti kan na dubbifatu eenyu ree?
[12] “Ani waa'ee lewaataan kana, waa'ee harka isaatii fi miilla isaa, waa'ee jabina isaa fi dagalee toluu isaa nan dubbadha malee, calluma hin jedhu.
[13] Uffata isaa isa irra keessaa eenyutu irraa baasa” Akka luugamaattis mangaagaa isaa lamaan gidduu eenyutu lixa”
[14] Balbala afaan isaatii isa ilkaan sodaachisaadhaan marfame, eenyutu banuu danda'a ree”
[15] Dugdi isaa akka gaachanoota jajjaboo, mallattoo cimaadhaan walitti fayyifamanii ti.
[16] Qilleensi iyyuu gidduudhaan akka hin baanetti, inni tokko isa kaanitti baay'ee dhi'oo dha.
[17] Inni tokko isa kaanii wajjin walitti maxxanfameera, akka gargar hin baafamnettis wal qabataniiru.
[18] Yeroo inni haxxifatu balaqqeessi ifaa in ba'a, iji isaas akka boruu baqaquu ti.
[19] Guci boba'aan afaan isaa keessaa in ba'a, qaanqeen ibiddaas isa keessaa in utaala.
[20] “Akkuma ibiddi muka jiidhaa xuwwee jalaa aaruutti, aarri funyaan isaa keessaa in yaa'a.
[21] Hafuurri isaa cilaattii in qabsiisa, boba'aan ibiddaas afaan isaa keessaa in ba'a.
[22] Jabeenyi boquu isaa keessa jira, sodaachisuunis fuula isaa dura in adeema.
[23] Dadacha'aan foon isaatii walitti maxxanee jira, inni jabaatee irratti dhoobame, hin sokoksus.
[24] Garaan isaa akka dhagaa ti, akka haadha dhagaa daaku in jabaata.
[25] Yeroo inni ka'u aango-qabeeyyiin in na'u, sodaataniis gara booddee isaaniitti in deebi'u.
[26] Billaan isa rukutu, eeboon, bodeen, wanti furguggifamus gad isa hin qabu.
[27] Inni sibiila, akka hoofaa midhaaniitti, sibiila borrajjiis, akka muka bososaatti in lakkaa'a.
[28] “Xiyyi isa hin baqachiisu, dhagaa furuursaadhaan darbatamus akka habaqiitti in ilaala.
[29] Bokkuu akka hoofaa midhaaniitti in lakkaa'a, mirmirsaa bodeettis in kolfa.
[30] Cinaachi isaa garri jalaa akka qiraacii qara qabuu ti, qara isaatiinis akka sibiila ittiin midhaan cagadaniitti dhoqqee in u'ura.
[31] Tuujjuba akka xuwwee danfuu, galaanas akka huuroo urgooftuun dibataa keessatti waliin makamuu in godhe.
[32] Karaan inni irra ba'e akka calaqqisu in godha, namattis callabboon waan harrii baase in fakkaata.
[33] Uumamni sodaa of keessaa hin qabne, lafa irra kan akka isaatii hin jiru.
[34] Warra ol ka'an hundumaa biratti in sodaatama, bineensota of bokoksan hundumaa irrattis mootii dha” jedhe.