Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:39

[1] Iyoob afaan isaa saaqqatee, guyyaa dhaloota isaa in abaare.

[2] Iyoob dubbatee,

[3] “Guyyaan ani itti dhaladhe haa balleeffamu! Halkan itti,“Ilmatu garaatti hafe” jedhame sunis haa balleeffamu!

[4] Guyyaan sun dukkana haa ta'u! Waaqayyo waaqa irraa gad isa hin ilaalin, ifnis isa irratti hin ifin!

[5] Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, “Ati kan keenya” isaan haa jedhan! Duumessi isa irra haa buufatu! Dukkanni guyyicha dukkaneessu, isa haa naasisu!

[6] “Halkanicha dukkanni limixiin haa qabatu! Guyyoota waggaa keessatti hin dabalamin! Lakkoobsa ji'aattis hin galin!

[7] Halkan sun maseena haa ta'u! Isattis ililleen hin dhaga'amin!

[8] Warri guyyaa abaaran, warri Lewaataanin kaasuudhaaf qophaa'anis halkan sana haa abaaran!

[9] Urjoonni dimimmisa gaafasii ba'an haa dukkanaa'an! Halkan sun ifa haa eeggatu, garuu isa hin argatin! Boruu baqaqus hin argin!

[10] Innoo balbala gadameessa haadha kootii hin cufne, rakkinas ija koo duraa hin dhoksine.

[11] “Maaliifan gadameessa keessatti hin du'in! Gadameessa keessaa yommuun ba'es maaliifan badduu hin ba'in”

[12] Gudeedi haadha kootii maaliif na baate” Harma ishees maaliifan hodhe”

[13] Silaa yoona kana calluma jedhee nan ciisa, rafees nan boqodhan ture;

[14] moototaa fi gorsitoota lafaa, warra iddoowwan isaan ijaarratanii turan duraa diigamanii wajjin,

[15] gurguddoota biyyaa warra warqee qaban, warra manneen isaanii keessa meetiin guutee ture wajjin nan boqodhan ture.

[16] Yookiis maaliifan akka isa du'ee garaadhaa ba'ee balleeffamee, akka daa'imota raawwatanii ifa hin argin hafanii hin ta'in”

[17] Achitti namoonni jal'oonni gooluu isaanii in dhiisu, kan dadhabanis achitti in boqotu;

[18] warri booji'aman achitti walii wajjin nagaa qabu, sagalee warra humnaan isaan hojjechisanii achitti hin dhaga'an;

[19] xinnaa fi guddaan achi jira, garbichi harka gooftaa isaatii jalaa ba'eera.

[20] “Maaliif warra rakkina keessa jiraniif ifni, warra jireenyi itti hadhaa'eefis jireenyi kennama”

[21] Warra du'a eeggannaan, warra badhaadhummaa dhokfame qotanii barbaadan caalaattis du'a barbaannaan, isaaniif dhufuu dideef,

[22] warra awwaala bira yommuu ga'an, sagalee gammachuu dhageessisanii baay'ee gammadaniif,

[23] nama karaan jalaa dhokfameef, nama Waaqayyo naannessee karaa itti cufeef, maaliif jireenyi kennamaaf”

[24] Gaddi koo akkuma buddeenaa anaaf dhufa, aadnaan koos akkuma bishaanii dhangala'a.

[25] “Wanti ani sodaadhe ana irra ga'e, wanti ana naasisu anatti dhufe;

[26] ani raafama duwwaa malee nagaa hin qabu, gabii hin qabu, boqonnaas hin qabu” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters