[1] Kana irratti Eliifaaz Temaanichi,
[2] “Yoo namni sii wajjin dubbachuu yaale obsa in dhabdaa ree” Haa ta'u iyyuu malee, eenyutu dubbachuu dhiisa ree”
[3] Kunoo, ati namoota baay'ee barsiifteetta, dadhaboota harka qabdee jabeessiteetta;
[4] dubbiin kee nama kufuuf jedhu jajjabeessee in oolcha, warra jilbi isaanii laafes jabeessiteetta;
[5] amma garuu rakkinatu si irra ga'ee, si rukute; ati naatee in raafamte, obsas in dhabde;
[6] Waaqayyoon sodaachuun kee, amanannaan kee, qajeelina karaa keetti jabaachuun kees abdii kee hin turree ree?
[7] “Mee yaadadhu, namni balleessaa hin qabne, takkaa badee beekaa ree” Yookiis namni qajeelaan eessaa balleeffamee beeka ree”
[8] Akkan argetti warri waan hamaa qopheessanii, rakkinas facaasan isuma in haammatu;
[9] warri akkasii hafuura isa Waaqayyo isaanitti baafatuun in badu, qilleensa dheekkamsa isaatiinis in dhumu.
[10] Leenci in aada, leenci sodaachisaan in gururi'a; haa ta'u iyyuu malee, ilkaan leenca saafelaa in caccaba;
[11] leenci wanta adamsee nyaatu dhabee in du'a, ilmaan leenca dhalaas in faffaca'u.
[12] “Dubbiin tokko dhoksaatti gurra keessa na bu'e, gurri koos hasaasa sana in dhaga'e;
[13] halkan yeroo hirribni ulfaataan nama qabutti, abjuu halkanii isa nama yaadessu keessa,
[14] naasuun na qabate, raafamnis lafee koo hundumaa in sochoose;
[15] hafuurri karaa gurraa na yaa'e, dhagni koos na suuka'e.
[16] Inni amma iyyuu in dhaabata, ani garuu wanta inni fakkaatu, gargar baafachuu hin dandeenye; bifni tokko ija koo dura ture; homtuu hin dubbatu ture, booddee immoo sagalee tokko nan dhaga'e;
[17] “Waaqayyo caalaa namni qajeelaa ta'uu danda'aa ree” Namni isa isa uume caalaa qullaa'aa ta'uu danda'aa ree”
[18] Kunoo, inni hojjetoota isaa hin amanatu, ergamoota isaas balleessaa isaanii irratti in gaafata erga ta'ee,
[19] yoos warri manneen suphee irraa hojjetamanii, hundeen isaanii biyyoo keessa jiru keessa taa'an, warri bilii caalaa salphaatti caccaban hammam caalaa haa ta'an ree”
[20] Isaan barii ganamaatii hamma galgalaatti caccabanii in hurraa'u, utuu namni itti hin yaadin raawwatanii in badu.
[21] Isaan ogummaa malee akka du'anitti, funyoon godoowwan isaanii luqqifameera mitii ree??