[1] Yommus Iyoob immoo deebisee,
[2] “Ati nama humna hin qabne maal maal gargaarte! Nama irreen isaa hin jabaatinis maal maal oolchite!
[3] Isa ogummaa hin qabne maal maal gorsite! Akeeka beekaas baay'iftee beeksifte!
[4] Ati eenyuu wajjin dubbatte” Hafuura eenyutuus afaan kee keessaa dubbate”
[5] “Ekeraan warra du'anii lafa jalaa, warra achi jiraatanii wajjin sodaadhaan in rom'isiifaman.
[6] Iddoon lafa jalaa Waaqayyo duratti qullaa in ta'a, lafti badiisaas golgaa hin qabu.
[7] Waaqayyo golee gara bitaa lafa duwwaa irra in diriirse, biyya lafaa immoo homtuu utuu jala hin jiraatin in rarraase.
[8] Duumessa isaa isa gobbuu keessatti bishaan in ittisa, duumessichis bishaanicha jalaa hin tarsaane.
[9] Inni duumessa isaa irra diriirsee, fuul dura teessoo isaa in dhoksa.
[10] Ifaa fi dukkana gargar baasuudhaaf, inni irra-bishaanii irratti naannessee daarii godheera;
[11] utuboonni bantii waaqaa in rom'u, yeroo inni ifatus na'anii of in wallaalu;
[12] inni irree isaatiin galaana gab godhe, hubannaa isaatiinis Rahaab jawwee galaanaa sana in rukute;
[13] qilleensa isaatiin bantii waaqaa in qulleesse, harki isaas bofa baqachaa jiru in waraane.
[14] Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa tii, isa nuyi waa'ee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha; kakawwee humna isaa garuu eenyutu hubata ree?” jedhe.