[1] Iyoob immoo deebisee,
[2] “Dhuguma iyyuu, isin namuma, ogummaanis isinii wajjin in bada.
[3] Anis immoo akkuma keessan hubannaa qaba, isinii gadis miti; wanta akkasii kana eenyutu wallaala ree”
[4] Ani firoota koo duratti muka kolfaan ta'e; ana isa Waaqayyoon waammate, inni immoo deebiseef, ana isa dhuga-qabeessa, isa mudaa hin qabnetu muka kolfaa ta'e;
[5] akka namni itti tolee yaadutti, badiisi nama tuffatamaadhaaf, warra miilli isaanii mucucaateef qophaa'e.
[6] Godoowwan warra saamtuu nagaa dha, warri Waaqayyoon tuttuqanii aarsan, warri irree isaanii waaqeffatanis naasuu malee in jiraatu.
[7] “Mee, bineensota gaafadhu! Isaanis si barsiisu; warra qilleensa keessa balali'anis gaafadhu! Isaan sitti in himu.
[8] Lafatti dubbadhu! Innis si barsiisa; yookiis qurxummiin galaanaa akka sitti himu godhi!
[9] Harki Waaqayyoo akka isaan tolche, isaan kana hundumaa keessaa eenyutu hin beeku”
[10] Jireenyi uumama hundumaa, hafuurri nama hundumaas harka isaa jala jira.
[11] Akkuma arrabni nyaata mi'eeffatu, gurris immoo dubbii gargar hin baasuu ree”
[12] Ogummaa warra lafa guurantu qaba mitii ree” Hubannaas warra barri isaanii dheeratetu qaba mitii ree?
[13] “Ogummaanii fi aangoon kan Waaqayyoo ti, gorsuunii fi hubachiisuunis kanuma isaa ti;
[14] wanta inni diige, namni tokko illee deebisee ijaaruu hin danda'u; nama inni balbala itti cufe irraa, namni tokko illee banuu hin danda'u;
[15] yoo inni bokkaa dhowwate, caamsaatu ta'a; yoo inni baay'isee gad isa dhiise, bishaan lafa in balleessa;
[16] aangoonii fi ogummaan guutuun kan isaa ti, inni gowwoome, inni gowwoomfames lachuu kanuma isaa ti
[17] Inni gorsitoota irraa, ogummaa isaanii in fuudha, qullaas gad isaan in dhiisa, abboota firdiis gowwoota in godha.
[18] “Hidhata ulfinaa isa kan moototaa isaanittii hiikee, funyoo mudhii isaaniitti in hidha.
[19] Inni luboota qullaa isaanii gad in dhiisa, warra aboo cimaa qabanis gara in galcha;
[20] warra amanamoo harkaa dubbii in balleessa, maanguddoonnis dubbii gargar baasanii akka hin hubanne in godha.
[21] Inni gurguddootatti salphina in fida, warra jajjaboos hidhannaa in hiikkachiisa.
[22] Inni wanta dhokataa dukkana keessa jiru in mul'isa, dukkana sodaachisaa irrattis ifa in baasa.
[23] Saba lafa irraa baay'ee in guddisa, isaan in balleessas; saba lafa irraa in tamsaasa, biyyaas isaan in baasa.
[24] Inni geggeessitoota saba lafa irraa keessaa yaada in fudhata, lafa onaa karaa hin qabne keessas akka jooran in godha.
[25] Ibsaan waan hin jirreef dukkana keessa in qaqqabatu, akka nama machaa'ee akka isaan gatantaran in godha.