[1] Yommus Biildaad Shu'aahichi,
[2] “Hamma yoomiitti dubbii akkasii dubbatta” Dubbiin afaan kee keessaa ba'u akka qilleensa bubbisuu ti.
[3] Waaqayyo firdii in jal'isaa ree” Yookiis inni hundumaa danda'u dhugaa in jal'isaa ree”
[4] Ilmaan kee isa yoo yakkan, inni immoo irra-daddarbaa isaaniif yoo isaan gate,
[5] ati immoo Waaqayyoon yoo barbaadde, isa hundumaa danda'u yoo kadhatte,
[6] utuu ati qullaa'aa fi qajeelaa taate, inni dhugumaan amma si gargaaruudhaaf in ka'a, deebisees jireenya qajeelummaa si gonfa.
[7] Jalqabni kee gad deebi'aa yoo fakkaate iyyuu, dhumni kee immoo baay'ee guddaa in ta'a.
[8] “Dhaloota nu duraa gaafadhu! Wanta abboonni isaanii qoratanii bira ga'an ilaali!
[9] Nuyi kaleessa dhalanne, homaas hin beeknu, barri jireenya keenya lafa irraas akka gaaddisaatti dafee in darba.
[10] Isaanis hin barsiisanii” Sittis hin himanii” Garaadhaan waa sitti hin dubbatanii ree”
[11] Dhallaadduun lafa dhaqdhaqiitti malee guddachuu danda'aa ree” Babal'iinis bishaan malee in tolaa ree”
[12] Xobbeetti utuu jiranii utuma hin buqqa'in yookiis utuma hin haamamin marga caalaa dafanii in coolligu.
[13] “Jireenyi warra Waaqayyoon irraanfatanii akkas in ta'a, abdiin nama Waaqayyo malee jiraatuus akkasuma in bada;
[14] abdiin isaa in cita, amanannaan isaas akka mann'ee sariitii in ta'a;
[15] inni wanta akka mann'ee sariitii sanatti in hirkata, mann'een sun garuu hin dhaabatu; inni isatti in maxxana, mann'een sun garuu danda'ee isa hin baatu;
[16] inni aduu keessatti akka biqiltuu bishaan dhugee lalisuu ti, dameen isaas iddoo dhaabaa isaa irra in yaa'a;
[17] hiddi isaa tuullaa dhagaatti in marma, kattaawwan keessas karaa in barbaaddata;
[18] wanti tokko iddoo isaatii yoo isa balleesse, iddoon sun immoo, “Ani takkaa si argee hin beeku” jedhee isa in gana.
[19] Kunoo, gammachuun jireenya isaatii isa kana, warri kan biraas lafaa in biqilu.
[20] “Kunoo, Waaqayyo nama hir'ina hin qabne hin gatu, warra hamaa hojjetan garuu hin gargaaru;
[21] inni ammas akka ati kolfa duwwaa taatu, arrabni kees sagalee gammachuu guddisee akka dhageessisu in godha.
[22] Yommus warra si jibbanitti yeelloon in uffifama, dunkaanni warra jal'ootaas si'achi hin argamu” jedhee in deebiseef.