Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:17

[1] “Amma garuu yaa Iyoob waanan jedhu dhaga'i! Dubbii koo hundumaas dhaggeeffadhu!

[2] Kunoo, ani amma afaan koo nan saaqqadha, arraba kootiinis nan dubbadha.

[3] Dubbiin koo gara-qajeelina koo irraa ka'a, afaan koos beekumsa mul'isee in dubbata.

[4] Hafuurri Waaqayyoo na uumeera, hafuurri inni hundumaa danda'u anatti baafate sunis ana in jiraachisa.

[5] Egaa, yoo dandeesse deebii anaaf kenni, wanta dubbattu qopheeffadhuutii ana dura dhaabadhu!

[6] Kunoo, ani Waaqayyo duratti akkuma kee ti, anis suphee irraan hojjetame;

[7] kunoo, ana sodaachuun si hin naasisu, harki koos sitti hin ulfaatu!

[8] “Dhuguma ati utuman si dhaga'uu dubbatteetta, anis dubbicha dhaga'eera;

[9] “Ani xuraa'ummaa hin qabu, irra-daddarbaas hin qabu, qullaa'aa dha, yakkis ana irra hin jiru;

[10] garuu Waaqayyo immoo karaa ittiin naan mormu in argata, akka diina isaattis na lakkaa'a.

[11] Inni miillan koo jirma ulfaataa gidduu galchee, tarkaanfii koo hundumaas in eega” in jetta.

[12] “Kunoo, kana irratti dhugaa akka ati hin qabne, sitti nan hima, Waaqayyo nama caalaa guddaa dha.

[13] “Waaqayyo dubbii namaa hundumaaf deebii hin kennu” jettee, ati maaliif isaan morkatta”

[14] Namni isa hubatu hin jiru yoo ta'e iyyuu, Waaqayyo karaa tokko, karaa lamas in dubbata.

[15] Utuu namoonni siree isaanii irraa muganii, abjuudhaan, mul'ata halkaniitiin, hirribni ulfaataan yeroo isaan qabatu,

[16] yommus inni gurra isaaniitti in dubbata adabaanis isaan in naasisa.

[17] Kunis nama hojii isaa isa hamaa irraa deebisuudhaaf; of bokoksuu irraas isa eeguudhaaf;

[18] lubbuun isaa boolla akka hin linne, jireenyi isaas billaadhaan akka hin badne oolchuudhaaf.

[19] Namni siree isaa irrattis dhukkubaan, dhukkuba jabaa isa yeroo hundumaa lafee isaa keessaa isa nyaatuun in adabama.

[20] Jireenyi isaa buddeena, garaan isaas nyaata hawwisiisaa in ciigga'a;

[21] foon isaa guutummaatti irraa in dhuma, lafeewwan isaa warri dur hin mul'annes bakkeetti in yaa'u.

[22] Lubbuun isaa gara boollaatti, jireenyi isaas gara ergamaa du'aatti in dhi'aata.

[23] “Ergamoota kuma keessaa inni tokko, gidduu dhaabatee afaan yoo hiike, wanta namni gochuun irra jirus yoo yaadachiise,

[24] faara itti tolee,“Ani isaaf furee argeera, boollatti gad bu'uu isa oolchi!

[25] Dhagni isaa kan saafelaa caalaatti haa haara'u! Akka bara dargaggummaa isaattis haa deebi'u!” yoo jedhe,

[26] yommus namni Waaqayyoon in kadhata, akka inni sagalee gammachuu dhageessisaa fuula isaa arguttis, Waaqayyo isatti in gammada; qajeelina isaas iddootti in deebisaaf.

[27] Namoota warra kaan duratti faarfatee, “Ani cubbuu hojjedheera, qajeelummaas micciireera, Waaqayyo garuu akkasitti anaaf hin deebifne;

[28] inni lubbuu koo gara boollaa dhaquu oolcheera, jireenyi koos ifa in arga” in jedha.

[29] “Kunoo, Waaqayyo irra deddeebisee, kana hundumaa namaaf in godha.

[30] Ifni jireenyaa isa irratti akka ibsuuf, lubbuu namaa deebisee boolla keessaa in baasa.

[31] “Yaa Iyoob, yaadaan qabii na dhaggeeffadhu, ani nan dubbadha, ati calluma jedhi!

[32] Wanta jettu yoo qabaatte anaaf deebisi, ani dhugaa siif galchuu nan barbaada, dubbadhu!

[33] Kanaa'achi immoo calluma jedhii na dhaggeeffadhu, ani ogummaa sin barsiisa!” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters