Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:32

[1] Kana booddee Iyoob deebiseefii,

[2] “Aaduu keessa ba'ee yoon iyye iyyuu, rukuttaan isaa anatti cimee waan jiruuf, har'as immoo dhibeen koo hadhaa'aa dha.

[3] Lafan itti isa argu utuun beeke, gara teessoo Waaqayyoos utuun dhaqe,

[4] silaa dhimma koo isatti nan dhi'eeffadha, afaan koo guutees isatti nan dubbadha;

[5] ani wanta inni anaaf deebisu nan bara, wanta inni anaan jechuuf jirus nan hubadhan ture.

[6] Inni humna isaa isa guddaadhaan xiiqii naan qabataa ree” Waawuu, inni dhugumaan anaaf in dhaga'a.

[7] Namni qajeelaan Waaqayyo duratti in falmata, anas immoo Waaqayyo abbaan firdii koo raawwatee gad na dhiisa.

[8] “Kunoo, ani gara ba'a-biiftuutti yoon adeeme, inni achi hin jiru, gara lixa-biiftuus yoon dhaqe, isa hin argadhu;

[9] gara bitaatii inni in hojjeta, ani garuu isa hin argu; inni gara mirgaatti gara in gala, ani garuu isa arguu hin danda'u.

[10] Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a.

[11] Miilli koo jabaatee faana isaa duukaa bu'eera, karaa isaa qabadheera, isa irraas hin jal'anne.

[12] Abboommii afaan isaa keessaa ba'u irraa ani hin fagaanne, wanta inni dubbates yaadatti qabadheera.

[13] “Yaadni Waaqayyoo kophaa dha, eenyu iyyuu isa geddaruu hin danda'u; inni wanta barbaade in godha.

[14] Inni wanta waa'ee kootiif murtoo godhe in raawwata, sanyiin akkasii akeeka isaa keessa baay'ee dha.

[15] Kanaafis ani isa duratti nan na'a, yeroon waa'ee isaa yaadus nan sodaadha.

[16] Waaqayyo laphe-laafessa na godhe, humna isaa isa hundumaa danda'uunis na naasise.

[17] Kana keessaa immoo ani dukkana sanaan, dukkana limixii isa fuula koo golguun calluma hin jechisiifamne.

Macaafa Iyoob — Chapters