Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:09

[1] “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree”

[2] Gubbas Waaqayyo biraa qoodni namaa maali” Gara irraa sanaas isa hundumaa danda'u biraa dhaalli namaa maali”

[3] Badiifni warra jal'ootaaf, adabni jabaanis warra irra-daddarbaa hojjetaniif mitii ree”

[4] Waaqayyo karaa koo hin arguu ree” Tarkaanfii koo hundumaas hin lakkaa'uu ree”

[5] Sobaan adeemeera yoon ta'e, miilli koos gowwoomsaatti ariifatee yoo jiraate,

[6] balleessaa dhabuu koo akka beekutti, Waaqayyo madaalii qajeelaatiin ana haa miijanu!

[7] Faanni koo karaa irraa jal'ateera yoo ta'e, garaan koo ija koo duukaa bu'eera yoo ta'e, harka koottis cubbuun qabateera yoo ta'e,

[8] wanta ani facaase namoonni biraa haa nyaatan, inni anaaf biqiles haa buqqa'u!

[9] “Garaan koo dubartiidhaan sossobamee yoo jiraate, balbala namaa ciisee haadha manaa isaa eeggadhee yoon jiraadhe,

[10] haati manaa koo nama biraaf haa daaktu, namni biraas ishee wajjin haa ciisu!

[11] Wanti kun yeellaasisaa dha, abboota firdii durattis yakka adabsiisuu dha;

[12] kun ibidda gubee xaph godhuu dha, biqiltuu koo hundumaa hamma hiddaati gad in guba.

[13] “Hojjetaan koo yookiis hojjettuun koo anaa wajjin komee qabaatanii, dubbii isaan dhi'eeffatan tuffadheera yoon ta'e,

[14] yommuu Waaqayyo firdiidhaaf ka'u, ani maal gochuufan jira ree” Yommuu inni na gaafatus maalan isaaf deebisa ree”

[15] Isuma garaa haadha koo keessatti na uumetu isaan uume mitii ree” Gadameessa keessattis kan nu tolche isuma mitii ree?

[16] “Hiyyeessota waan isaan hawwan dhowwadhee yoon jiraadhe, dubartii abbaan manaa irraa du'es waa dhabdee boo'uu isheetiin iji ishee akka dadhabu godheera yoon ta'e,

[17] ani huraa buddeena kootii nama dhowwadhee yoon jiraadhe, isa abbaan irraa du'eenis hin geenye yoon ta'e,

[18] inni abbaan irraa du'e sun dargagummaa kootii jalqabee akka nama abbaa biratti guddateetti ana biratti guddate, ani immoo erguma inni garaa haadha isaatiitii ba'es, isa nan gorsa.

[19] Ani nama uffata dhabee du'uuf jedhu, yookiis hiyyeessa waan of irra buusu hin qabne yommuun arge,

[20] uffata rifeensa hoolaa kootii irraa hojjetame itti uffifnaan, itti ho'ee garaan isaa ana hin eebbifne yoo ta'e,

[21] karra kellaa mandaraa duratti dubbadhee dhageessifachuu koo beeke, isa abbaan irraa du'etti harka koo ol fudhadheera yoon ta'e,

[22] ceekuun koo gatiittii koo wajjin wal haa gad-dhiisu! Harki koos buusaa isaatti haa cabu!

[23] Dha'ichi Waaqayyo biraa anatti dhufe waan na naasiseef, sodaa surraa isaa irraa kan ka'e waan tokko gochuu hin dandeenye.

[24] “Ani warqee abdii koo godhadhee, warqee qullaa'aadhaanis, “Amanannaa koo ti” jedhee yoon jiraadhe,

[25] badhaadhummaan koo guddaa waan ta'eef, harki koos baay'ee waan argateef gammadee yoon jiraadhe,

[26] yeroo aduun ibsitutti, yeroo ji'i ulfinaan adeemtuttis isaaniif sagaduudhaaf gara isaanii ilaaleera yoon ta'e,

[27] garaan koo dhoksaadhaan gowwoomfamee, ulfina isaaniif harka koo dhungadheera yoon ta'e,

[28] ani gubasitti Waaqayyo duratti sobduu nan ta'an ture, kunis yakka namatti farachiisu in ta'a.

[29] “Ani badiisa nama na jibbuutti gammadee, hamaan yeroo isa argatettis ol of qabee yoon jiraadhe,

[30] lubbuu isaa irratti qorobuudhaan, afaan koo cubbuu akka dubbatu godheera yoon ta'e,

[31] namni mana kootii, “Buddeena isaa nyaatee kan hin quufin eenyutu jira?” hin jenne yoo ta'e,

[32] ani warra kara-adeemtuudhaaf illee balbala koo nan bane malee, keessummaan karaa keessa hin bulle;

[33] ani yakka koo garaa keessa dhokfachuudhaan, akka namoota warra kaanii irra-daddarbaa koo haguugee yoon jiraadhe,

[34] tuuti baay'een ana haa sodaachisu, ceephoon qomoos ana haa naasisu! Yommus calluma nan jedha, manaas gad hin ba'u.

[35] “Maaloo, utuun nama anaaf dhaga'uu qabaadhe, kun fiirmaa koo ti, inni hundumaa danda'u anaaf haa deebisu! Hadheessa sana immoo maaloo caaffataan utuun argadhee!

[36] Silaa ani dhuguma gatiittii koo irratti isa nan baadha, akka gonfoottis nan kaa'adhan ture;

[37] ani lakkoobsa tarkaanfii koo hundumaa isatti nan hima, akka guddaa biyyaattis isatti nan dhi'aadha;

[38] lafti koo yoo ana irratti iyye, bo'oowwan isaas wal ga'anii yoo ba'an,

[39] ani ija inni kennu tola nyaadhee, abbaan lafichaas akka du'u godhee yoon jiraadhe,

[40] qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus tuufoon haa biqilu!” jedhe. Dubbiin Iyoob as irratti in raawwatame.

Macaafa Iyoob — Chapters