Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:01

[1] Kana booddee Biildaad Shu'aahichi deebisee,

[2] “Ati yoom dubbattee fixxa” Irratti dubbannaatii mee itti yaadi!

[3] Maaliif akka horii marga dheeduutti lakkaa'amne” Ija kee durattis maaliif akka gowwaatti ilaalamne”

[4] Yaa Iyoob, isa dheekkamsa keetiin mataa of irraa cirtu, lafti sababii keetiif haa ontuu ree” Yookiis kattaan iddoo isaatii haa butatuu ree”

[5] “Ibsaan nama jal'aa in dhaama, arrabni ibidda isaas hin ibsu;

[6] ifni dunkaana isaa keessatti hin ibsu, ibsaan isaas isa irratti in dhaama;

[7] humni tarkaanfii isaatii in laafa, malli inni qopheesses isa in gufachiisa;

[8] miilli isaa kiyyootti isa in galcha, boolla keessatti qabamu irras in adeema;

[9] futtaasaan koomee isaa in qabata, meendoonis jabeessee isa in qaba;

[10] funyoon itti furga'ee isa qabu lafa keessa in dhokfame; futtaasaanis karaa irra in kaa'ameef;

[11] wanti nama naasisu karaa hundumaa isa in sodaachisa, isa duukaa bu'ees isa in ari'a;

[12] humna isaa beelli in dadhabsiisa, badiifnis qophaa'ee isa in eeggata.

[13] Dhukkubni gogaa dhagna isaatii in fixa; dhukkubni sodaachisaanis harka isaa fi miilla isaa in nyaata;

[14] dunkaana isaa isa amanatee keessa taa'u keessaa in buqqifama, gara mootummaa du'aattis in geeffama;

[15] kan isaa kan hin ta'inis dunkaana isaa keessa in jiraata, qe'ee isaa irras dhagaan boba'u in firfirfama.

[16] Jalaa hiddi isaa in goga, irraa immoo damoonni isaa in coollagu;

[17] seenaan isaa lafa irraa in bada, mandara keessaas maqaan isaa waan ittiin beekamu hin qabu;

[18] inni ifa keessaa dukkanatti in darbatama, biyya lafaa keessaas ari'amee in baafama.

[19] Saba isaa gidduudhaa dhala yookiis sanyii hin qabu, iddoo inni jiraachaa tures kan baraarameef hin jiru.

[20] Warri lixa-biiftuu wanta isa irra ga'e dhaga'anii na'anii in dinqifatan; warra ba'a-biiftuus naasuutu qabate.

[21] Eyyee! Qe'een warra Waaqayyo malee jiraatanii, iddoon nama Waaqayyoon hin beeknes akkas in ta'a” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters