Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:09

[1] Yommus Iyoob deebisee,

[2] “Hamma yoomiitti lubbuu koo dhiphiftu” Hamma yoomiittis dubbiidhaan lafee koo cabsitu”

[3] Isin deddeebitanii na arrabsitan, isa dabaa ana irratti hojjettaniifis hin yeellaane.

[4] “Ani utuman dhuguma karaa irraa kaadheera ta'e iyyuu, balleessaa kootti anuma duwwaatu gaafatama;

[5] isin anatti yoo of gurguddiftan, rakkina anatti dhufe kanas sababii yoo godhattan,

[6] Waaqayyo anatti akka balleesse, kiyyoo isaas naannessee akka anatti xaxe beekaa!

[7] Ilaa,“Humnaan ana irratti ka'e” jedhee yoon iyyadhe, deebii hin argadhu; yoon dhageessifadhes firdiin qajeelaan hin jiru.

[8] Akkan hin darbineef karaa anatti cufeera, daandii koo irras dukkana dhaabeera;

[9] inni ulfina koo ana irraa fuudhee, gonfoo koos mataa koo irraa buuseera.

[10] Karaa hundumaan na caccabse, anis badduu ba'eera; abdii koos akkuma mukaa buqqiseera;

[11] dheekkamsa isaa ana irratti bobeesse, akka diina isaattis na ilaale;

[12] loltoonni isaa wal duukaa dhufanii, karaa anatti baafatanii, naannoo dunkaana kootii in buufatan.

[13] “Inni obboloota koo anattii fageesse, warri ana beekanis orma akka anatti ta'an godhe;

[14] aantiin koo anattii citaniiru, firoonni koo warri anatti dhi'aatanis na irraanfataniiru;

[15] warri ani mana kootti keessumsiise na irraanfataniiru, xomboreewwan koos akka ormaatti na ilaalan, isaan birattis alagaan ta'e.

[16] Ani hojjetaa koo nan waame, inni garuu na jalaa in dide; afaanii baasee isa kadhachuun na barbaachise.

[17] Hafuurri koo haadha manaa kootti in xiraa'e, obbolaan koos ana irraa in baqatan.

[18] Ijoolleen illee na tuffatu, yommuun ka'u isaan ana irratti in dubbatu.

[19] Firoonni koo warri ani amanadhu hundinuu na ciigga'an, warri ani isaan jaalladhus ana irratti in ka'an;

[20] gogaan koo foon kootti, lafee koottis in goge; foon ilkaan kootii duwwaatu iddoo jira.

[21] Harki Waaqayyoo na rukuteeraatii, anaaf gaddaa, isin yaa firoota ko, anaaf gaddaa!

[22] Akkuma Waaqayyo na ari'atu maaliif isinis na ari'attu” Isin amma iyyuu na kukkutattanii hin quufnee ree?

[23] “Maaloo, wanti ani dubbadhu kun caafamee, macaafatti utuu galfamee!

[24] Maaloo, bara baraan akka yaadatamaniif, sibiilaa fi dilaliidhaan kattaa irratti utuu qirixamanii!

[25] Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka.

[26] Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira.

[27] Ani ofii kootii isa nan arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe.

[28] “Hundeen dubbichaa ana biratti waan argamuuf, isin immoo, nuyi maaliif isa ari'anna?” in jettu;

[29] dheekkamsi, billaadhaan adabamuu waan fiduuf, isin ofii keessaniif billaa sana sodaadhaa! Firdiinis akka jiru beekaa!” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters