Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:47

[1] Iyoob deebisee,

[2] “Wantan dubbadhu ba'eessa godhaa dhaggeeffadhaa! Kun jajjabina isin anaaf kennitan haa ta'u!

[3] Yeroo ani dubbadhu anaaf obsaa! Ergan dubbadhee booddee ga'isuu in dandeessu.

[4] “Ani nama nan komadhaa ree” Maaliifanis obsa hin dhabu ree”

[5] Na ilaalaatii raajefadhaa! Afaan keessanis qabadhaa!

[6] Ani waa'ee kanaa yommuun yaadadhu nan na'a, dhagni koos in hollata.

[7] “Warri jal'oonni maaliif jiraatu” Maaliif bara dheeraa jiraatanii dulloomu, humna godhachaas adeemu”

[8] Ijoolleen isaanii utuma isaan jiranii, jabaatanii fuula isaanii dura in dhaabatu, dhalli isaaniis ija isaanii duratti in argamu;

[9] manneen isaanii sodaa tokko malee jiraatu, uleen Waaqayyoos isaan irra hin jiru;

[10] fincaan korommii isaanii in rimeessa malee, lafa hin bu'u; saawwan isaaniis in dhalu malee, hin gatatan;

[11] mucoolii isaanii akka karra bushaayeetti gad in baasu, ijoolleen isaaniis in quruphisu;

[12] isaan dibbeedhaa fi maseenqootti sagalee ululleettis in gammadu;

[13] isaan qananiitti bara isaanii in raawwatu, battalattis iddoo lafa jalaatti gad in bu'u.

[14] “Isaan Waaqayyoon, “Nuyi karaa kee baruu hin feenu, nu irraa fagaadhu!

[15] Nuyi akka isaaf hojjennuuf inni hundumaa danda'u eenyu” Yoo isa kadhanne immoo bu'aa maalii arganna?” in jedhu.

[16] Kunoo, qabeenyi warra jal'ootaa harkuma isaanii keessa jira mitii ree” Mareen warra jal'ootaa ana irraa haa fagaatu!

[17] “Kana keessaa immoo ibsaan isaanii hammam deddeebi'ee dhaama” Badiisis hammam deddeebi'ee itti dhufa” Waaqayyo dheekkamsa isaatiin dhiphina itti in fida;

[18] isaan akka cidii qilleensa dura jiruu ti, akka habaqii bubbeen fuudhee adeemuu tis.

[19] Waaqayyo gatii yakka namaa, ilmaan namichaatiif akka kaa'u dubbatameera; haa ta'u iyyuu malee, namichi akka baruuf, Waaqayyo gatii yakka isaatii isumatti in deebisa.

[20] Innumti badiisa ofii isaatii haa argu, xoofoo dheekkamsa isa hundumaa danda'uu keessaas haa dhugu!

[21] Erga barri isaa gabaabaadhumatti citee, waa'een maatii isaa warra hafanii maaltu itti tola ree?

[22] “Namni Waaqayyoon, isa warra iddoo gurguddaa irra jiraniif firdii kennu, barsiisuu in danda'aa ree”

[23] Namni tokko utuu humna qabuu, jireenyi itti tolee nagaatti utuu jiraatuu,

[24] dhagni isaa utuu gabbina qabuu, lafeewwan isaa keessas dhuk guutee utuu jiruu in du'a.

[25] Namni tokko immoo, jireenyi itti hadhaa'ee, wanta gaarii ta'e tokko illee utuu hin mi'eeffatin, in du'a;

[26] isaan lachuu du'anii biyyoo keessa in ciisu, raammoonis isaanitti in uffisa.

[27] “Kunoo, ani yaada keessan beeka, akeeka isin gar-malee anatti akeektanis beeka;

[28] isin,“Manni nama guddaa meerree ree” Godoowwan warri jal'oonni keessa jiraatan meerree ree?” in jettu.

[29] Namoota warra karaa adeeman takkaa hin gaafannee ree” Wanta isaan jedhanis hin fudhannee ree”

[30] Akka namni jal'aan guyyaa badiisaatiif kaa'amee, hamma guyyaa dheekkamsaatti oolfame hin barree ree”

[31] Akka jireenya isaatii kan ijatti isatti himu, wanta inni hojjeteefis gatii isaa kan deebisuuf eenyu ree”

[32] Yommuu inni gara iddoo awwaallaatti geeffame, awwaala isaatti eegduun in godhame.

[33] Diddiq dachaa sana keessaa isatti in ho'a, namoonni baay'een isa booddee in adeemu, warri isa dura adeemanis lakkoobsa hin qaban.

[34] Deebii isin anaaf kennitanoo sobaa, attamitti wanta waa'ee hin baafneen ofumaa na jajjabeessitu ree?” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters