[1] “Yaa Iyoob! Namni deebii siif kennu yoo jiraateef mee waami! Warra qulqulloota keessaa gara isa kamii dhaqxa”
[2] Nama gowwaa aariitu ajjeesa, isa wallaalaas hinaaffaatu du'a itti fida;
[3] namni gowwaan hidda yaafachuu isaa ani argeera, garuu dingata manni isaa in abaarame.
[4] Ilmaan isaa iddoo nagaa qabu irraa fagoo dha, karra kellaa duratti in caccaban, kan isaan oolchus hin turre;
[5] warra beela'antu, midhaan isa inni sassaabatu, isa inni qoraattii keessa kaa'atus fudhatee duraa fixa; warra dheebotantu, qabeenya isaa liqimsa;
[6] dhiphinni biyyoo keessaa ol hin margu, rakkinnis lafaa hin biqilu;
[7] namni akkuma qaanqee ibiddaa, qilleensa keessa jooruudhaaf rakkinaaf dhalate.
[8] “Ani garuu utuun si ta'e Waaqayyoon nan barbaaddadha, dhimma koos isatti nan himadha.
[9] Inni wanta gurguddaa qoranii bira ga'uu hin dandeenye, wanta dinqisiisaa daarii hin qabnes in hojjeta.
[10] Inni lafa irratti bokkaa in roobsa, bakkees bishaan in obaasa;
[11] warra gad qabamoo, iddoo ol jedhaa irra in kaa'a, warra gaddan, iddoo nagaa qabutti ol isaan in kaasa;
[12] wanti warri haxxootaa hojjetan fiixaan akka hin baaneef, inni akeeka isaanii in gufachiisa;
[13] ogeessota haxxummaa isaaniitiin in qaba, mala warra micciiramootaas in balleessa.
[14] Guyyaan isaanitti dukkanaa'ee, akka waan halkan ta'etti guyyaa saafaadhaan in qaqqabatu;
[15] Waaqayyo garuu arraba haxxootaa isa akka billaa jalaa warra deegoo in baasa; harka warra aango-qabeeyyiis isaan in oolcha.
[16] Yommus inni warra deegaadhaaf abdii in kenna; jal'oota garuu afaan in qabachiisa.
[17] “Kunoo, namni Waaqayyo isa ifatu galateeffamaa dha; kanaafis adaba Waaqayyo isa hundumaa danda'uu hin tuffatin!
[18] Inni in madeessa, walitti immoo in hodha; inni in cabsa, harkuma isaatiin immoo in fayyisa;
[19] rakkina ja'a irraa si oolcha, isa torbaffaattis hamaan si hin tuqu;
[20] inni yeroo beelaatti du'a irraa, yeroo lolaattis rukuttaa billaa si oolcha.
[21] Tuqaatii arrabaa jalaa in dhokfamta, badiisi yommuu dhufu hin sodaattu;
[22] badiisaa fi beelatti in kolfita, bineensa caakkaas hin sodaattu;
[23] dhagoota bakkee wajjin walii in kakattu, bineensonni caakkaas sii wajjin nagaa in qabaatu;
[24] dunkaanni kee nagaatti akka jiru in beekta, horii qe'ee keetii in to'atta, homaas keessaa hin dhabdu;
[25] sanyiin kee akka baay'atan, ijoollonni kees akka marga lafaa akka ta'an in beekta.
[26] Bissiin midhaanii yeroo isaatti akka walitti qabamu, ati gaarummaatti utuu jirtuu in duuta, in awwaalamtas.
[27] “Kunoo, nuyi kana hundumaa qorreerra, innis dhugaa dha, egaa dhaga'ii fudhadhus!” jedhe.