[1] Yommus Iyoob deebisee,
[2] “Aariin koo utuu miijaname, badiisi anatti dhufe hundinuus madaalii irra utuu kaa'ame,
[3] cirracha galaanaa caalaa waan inni ulfaatuuf, ariitiidhaan dubbachuun koo hin dinqisiisu ture.
[4] Xiyyooliin isa hundumaa danda'uu ana keessa jiru, hadhaan isaaniis dhiiga kootti in gala; Waaqayyo naasisuu isaa tarree anatti galche.
[5] Harreen diidaa utuu marga qabuu in alaakaa ree” Yookiis sangaan utuu okaa qabuu in mar'ataa ree”
[6] Wanti hin miyoofne soogidda malee nyaatamuu danda'aa ree” Yookiis bishaan hanqaaquu inni adiin miyaa'ina of keessaa qabaa ree”
[7] Nyaata akkasii maagaan koo hin fudhatu, yoon nyaadhes na dhukkubsachiisa.
[8] “Maaloo wantan kadhadhe utuun argadhe, abdii koos Waaqayyo utuu anaaf raawwate!
[9] Na caccabsuun, harka isaas gad anatti dhiisee na balleessuun utuu isatti tole,
[10] kun silaa anaaf jajjabina in ta'a ture; dubbii isa qulqullaa'aa waanan hin dhoksiniif, dhukkubni koo hammam yoo jabaate iyyuu itti nan gammadan ture;
[11] ani si'achi waa abdachuudhaaf, aangoo maaliin qaba” Akkan obsaan eeggadhuufis dhumni koo maali”
[12] Jabinni koo jabina dhagaa tii ree” Foon koos sibiila borrajjii dhaa ree”
[13] Dhugumaan humna na gargaaru of keessaa hin qabu, ogummaanis ana keessaa in bade.
[14] “Namni fira isaa isa abdii kutatetti oo'a argisiisuu dhiisu, isa hundumaa danda'u sodaachuu dhiisuu isaa ti.
[15] Isin obboloonni koo na gowwoomsitan, isin akka bishaan dafee guutee darbuu ti, akka bishaan guutee manii isaa irra dhangala'uu ti;
[16] isin akka laga qorri irra bu'ee booressuu, akka isa cabbii baqeen ol iita'uu ti;
[17] garuu yeroo ho'u in dhabama, yeroo caamsaa immoo manii isaa keessaa in dhabama.
[18] Naggaadonni karaa bishaanichaa irraa in jal'atu, lafa homaa hin qabnetti ba'anii in badu;
[19] naggaadonni Teemaa bishaan in barbaadu, imaltuun Sheebaas isa in abdatu;
[20] isa abdatanii turan, garuu in qaana'an; manii isaa bira ga'anii waan jedhan wallaalan.
[21] Isin dhuguma akkuma bishaanichaa taatan, gidiraa koo argitanii in sodaattan.
[22] Ani takkaa,“Waa anaaf kennaa! Qabeenya keessan keessaa gabbarsuu anaaf fidaa!
[23] Yookiis harka diinaa na oolchaa, harka warra nama cunqursanii keessaa na furaa!” jedhee beekaa?
[24] “Ani calluma nan jedha, isin na barsiisaa! Lafan irraa kaadhetti na hubachiisaa!
[25] Dubbiin qajeelaan maal maal humna-qabeessa! Yakka ana irra barbaaduun keessanis maal oolcha”
[26] Isin dubbii ani dubbadheef na ifachuu barbaadduu” Dubbii nama abdii kutatees akka sagalee qilleensaatti lakkaa'uufii ree”
[27] Warra abbaan irra hin jirre garba godhachuu in barbaaddu, firoota keessanittis boolla in qottu.
[28] “Maaloo gara koo ilaalaa! Anoo fuula keessan duratti soba hin dubbadhu.
[29] Maaloo deebi'aa, karaa irraa hin kaatinaa! Ani amma iyyuu dhugaa qabaatii, deebi'aa!
[30] Arrabni koo dabaa dubbateeraa” Afaan koo dubbii ta'uu fi dubbii hin taane gargar baasuu hin danda'uu ree”