Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:20

[1] Yommus Iyoob deebisee,

[2] “Ani dubbii akkasii kana baay'ee dhaga'eera; isin hundumti keessan jajjabeessitoota rakkina dabaltanii dha.

[3] Dubbiin waa'ee hin baafne dhuma qabaa ree” Yookiis ati maaltu si tuttuqnaan dubbattee dhiisuu didda”

[4] Utuu isin iddoo koo buutanii, anis akkuma keessan nan dubbadha, mataa koos isinitti nan raasan ture;

[5] dubbii afaan kootiitiin isin nan jajjabeessa, arraba kootiinis dhukkubbii keessan nan salphisan ture.

[6] “Ani yoon dubbadhe dhukkubni koo anatti hin salphatu, yoon obses homaa anatti hin fooyya'u.

[7] Amma garuu yaa Waaqayyo, ati na dadhabsiifteetta, warra anaa wajjin jiran hundumaa balleessiteetta;

[8] rakkinni koo na qabuun isaa dhugaa anatti in ba'a; huqinni koo ana irratti ka'ee mul'inatti dhugaa anatti in ba'a;

[9] inni dheekkamsa isaatiin na tarsaasee, diinummaa anatti in argisiise, anattis in ciniinnate; diinni koo ija anatti in diimeffata.

[10] Namoonni afaan isaanii bal'isanii anatti in banan, ga'isaa maddii koo kabalan, tokko ta'aniis ana irratti wal ga'an.

[11] “Waaqayyo warra kan isaa hin ta'initti na kenneera, harka warra jal'ootaa keessas na buuseera;

[12] isatu na cabsee gargar na baase malee, ani of irraa bu'ee nan jiraadhan ture; inni morma qabee na caccabse; adabaaf kan itti akeekkatu na godhate.

[13] Xiyyooliin isaa anatti marsan, Waaqayyo oo'a malee kaleewwan koo in tarsaasa, hadhooftuu koos lafatti in dhangalaasa.

[14] Inni dha'icha irratti dha'icha anatti in dabala, akka loltuutti fiigichaan ana irra in ba'a.

[15] “Ani uffata gaddaa hodhadheera, humna koos biyyoo keessa nan kaa'e;

[16] fuula koo boo'ichatu bobbokokse, baalleewwan ija koos ana irra gara galanii lafa arguu na dhowwan;

[17] kana keessaa immoo humnaan nama irratti ka'uun na bira hin jiru, kadhannaan koos qullaa'aa dha.

[18] “Yaa lafaa dhiiga koo hin dhoksin! iyyi koos si biratti ukkaamamee hin hafin!

[19] Kunoo, ammuma iyyuu kan dhugaa anaaf ba'u waaqa irra jira, waa'ee koo kan himus ol gara irraa jira;

[20] firoonni koo anatti ga'isu, ani garuu Waaqayyotti boo'ee imimmaan nan dhangalaasa.

[21] Akka isa namaa fi nama walitti araarsuutti, namni namaa fi Waaqayyoon walitti araarsu utuu argame attam gaarii dha!

[22] Waggaa muraasa duwwaatu hafa, kana booddee ani lafa hin galle dhaquu koo ti.

Macaafa Iyoob — Chapters