Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:15

[1] Yommus Eliifaaz Temaanichi deebisee,

[2] “Namni Waaqayyoof bu'aa qabaa ree” Namni ogeessi illee ofii isaatiif bu'aa in argata;

[3] ati qajeelaa yoo taate, isa hundumaa danda'u in gammachiisaa ree” Karaa kee mudaa kan hin qabne yoo godhatte, inni waa in argataa ree”

[4] Inni sababii ati isa sodaattuuf si ifataa ree” Sii wajjinis gara abbaa firdii in dhaqaa ree”

[5] Jal'inni kee guddaa dha mitii ree” Yakki kees dhuma qabaa ree”

[6] Ati akkasumaan obboleessa kee irraa qabsiisa fudhatte, warra qullaa adeeman irraas situ wayyaa baafate;

[7] warra gaggaban bishaan hin obaafne, warra beela'anis midhaan in dhowwatte.

[8] “Lafti kan isa irree qabuu tii ree” Isuma ulfina qabutu isa irra jiraataa ree”

[9] Warra abbaan manaa irraa du'e harka duwwaa gad dhiifte, irree warra abbaan irra hin jirre immoo in caccabsite.

[10] Kanaafis kiyyoon karaa hundumaa sitti naanna'ee jira, utuu itti hin yaadinis sodaan si rom'isiisa;

[11] ati akka arguu hin dandeenyetti ifni kee in dukkaneeffama, lolaan bishaaniis si in liqimsa.

[12] “Waaqayyo, bantiiwwan waaqaa hundumaa ol jira mitii ree” Urjiiwwan ol fagoo jiran hundumaas gad in ilaala mitii ree”

[13] Kanaaf ati,“Waaqayyo maal beeka” Duumessa dukkanaa'aa keessaanis faraduu danda'aa ree”

[14] Inni akka hin arginetti duumessi gobbuun isa golgee jira, inni immoo gubbee bantii waaqaa irra in adeema” jetta.

[15] Ati garuu karaa isa durii, isa namoonni hamoonni irra adeeman irratti haftaa ree”

[16] Isaan iyyuu yeroon isaanii utuu hin ga'in in balleeffaman; hundeewwan isaaniis lolaadhaan in haraman.

[17] Isaan Waaqayyoon,“Nu irraa fagaadhu! Inni hundumaa danda'us maal nu godha?” jedhan.

[18] Haa ta'u iyyuu malee, isumatu mana isaanii waan gaariidhaan guute, kanaaf mareen warra jal'ootaa ana irraa haa fagaatu!

[19] Warri qajeelonni balleeffamuu warra jal'ootaa arganii in gammadu, warri balleessaa hin qabnes ga'oodhaaf itti in kolfu.

[20] Isaaniinis,“Dhugumaan hamajaajiin keenya lafa irraa badaniiru, wanta isaan irraa hafe immoo ibiddatu fixe” in jedhu.

[21] “Waaqayyotti araarami, nagaatti jiraadhu! Kanaanis wanti gaariin siif in dhufa.

[22] Seera afaan isaa keessaa ba'u fudhadhu, dubbii isaas garaa kee keessa kaa'adhu!

[23] Ati gara isa hundumaa danda'uutti yoo gara galte, deebitee in ijaaramta; ati jal'ina godoo kee irraa in fageessita;

[24] warqee biyyoo keessa, warqee Ofiiris kattaawwan bishaan keessaa gidduu yoo keesse,

[25] inni hundumaa danda'u immoo warqee kee fi meetii kee isa gati-jabeessa yoo siif ta'e,

[26] yommus ati isa hundumaa danda'utti in gammadda, yeelloo malees mataa kee gara Waaqayyootti ol in qabatta.

[27] Isa in kadhatta, innis siif in dhaga'a; ati immoo wareega kee in baafta.

[28] Wanti ati murtoo gootu dhaabataa siif in ta'a; ifnis karaa keetti in ifa.

[29] Isa of gurguddisee baannatu Waaqayyo gad in deebisa, isa gad deebi'aa immoo in oolcha;

[30] inni nama balleessaa qabu iyyuu in oolcha; ati garuu sababii harki kee hin xuraa'iniif in oolta” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters