Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:43

[1] “Kana irratti lapheen koo in dha'ate, iddoo isaatiis in utaale;

[2] sagalee isaa isa qaqqawessa'u yaadaan qabaa, xirqansuu afaan isaa keessaa ba'us dhaggeeffadhaa!

[3] Inni guutummaa bantii waaqaa jala, bakakkaa isaas hamma andaara lafaatti gad in dhiisa;

[4] isa booddeedhaan sagaleen xirqansuu isaatii in dhaga'ama, sagalee isaa isa surra-qabeessaanis in qaqawweessa'a; yeroo sagaleen isaa dhaga'amutti homtuu bakakkaa sana hin ittisu.

[5] Akki itti Waaqayyo sagalee isaatiin qaqawweessa'u dinqisiisaa dha, wanta gurguddaa nuyi hubachuu hin dandeenyes in hojjeta.

[6] Inni cabbiidhaan,“Lafa irratti bu'i!” tiifuudhaa fi bokkaa yandoodhaanis, “Roobi!” in jedha.

[7] Namoonni hundinuu hojii isaa akka beekaniif, akka waan mallattoon itti godhameetti, inni nama hundumaa harka qabachiise.

[8] “Yommus bineensonni lafa ciisicha isaanii in dhaqu, mann'ee isaanii keessas in taa'u.

[9] Bubbeen gombisaa isaa keessaa, qorsi qilleensa bubbisu keessaa in dhufa,

[10] hafuurri Waaqayyo baafatu cabbii in fida, bishaan inni bal'aanis dafee wal qabatee cabbii in ta'a.

[11] Inni duumessa isa gurraacha jiidha in baachisa, bakakkaa isaas duumessa keessa in tamsaasa.

[12] Guutummaa irra lafaa irratti, wanta inni abboome akka raawwataniif isaan akka akeeka isaatti asii fi achi in naanna'u;

[13] bokkaa namoota ittiin adabuudhaaf, yookiis lafa isaa ittiin obaasee, jaalala isaa argisiisuuf in fida.

[14] “Yaa Iyoob, kana dhaggeeffadhu! Mee dhiisiitii hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa yaadaan qabi!

[15] Waaqayyo duumessoota attamitti akka kaa'e, bakakkaa duumessa isaas attamitti akka balaqqeessisu ati in beektaa”

[16] Akka itti duumessoonni wal-gitanii diriiran, hojii dinqii kan isa beekumsatti mudaa hin qabne sanaas in beektaa”

[17] Yeroo qilleensi gara mirgaa qilleensa'e, lafa irraa wanti tokko hin sokoksinetti, ati inni uffanni kee sitti bulluqu,

[18] waaqa isa akka of-ilaalee baqfamee jabaate kana, diriirsuu isaa isa gargaarteettaa?

[19] “Wanta isatti dubbannu nu barsiisi! Nuyi sababii dukkanichaaf dubbii keenya toora qabsiifachuu hin dandeenyu.

[20] Ani dubbachuuf akkan jiru, namni isatti himu in barbaachisa turee ree” Namni kana dubbachuu yaadus dhuguma in bada.

[21] Ammas qilleensi duumessa haxaa'ee erga irraa qulleessee, namni tokko illee ifa waaqa keessaa ifu ilaaluu hin danda'u.

[22] Calaqqifni akka warqee karaa gara bitaa in dhufa, surraan sodaachisaan Waaqayyoon naanna'ee jira.

[23] Nuyi isa hundumaa danda'u sana bira hin geenyu, inni humnaa fi wanta qajeelaadhaan ol ol jedhaa dha; baay'ina qajeelummaa isaatiinis namoota gad hin qabu.

[24] Inni warra ogummaa gad fagoo qaban warra kaan irra caalchisee hin ilaalu; kanaafis namoonni isa in sodaatu” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters