Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:15

[1] Ammas gaaf tokko warri waaqa irraa “Ilmaan Waaqayyoo” jedhaman fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf in dhufan; Seexannis immoo fuula Waaqayyoo duratti argamuudhaaf isaanii wajjin in dhufe.

[2] Waaqayyo,“Ati eessaa dhufte?” jedhee, Seexanicha in gaafate; Seexanichi immoo,“Lafa irra asii fi achi, olii fi gad deddeebi'aa tureen dhufa” jedhee Waaqayyoof deebii in kenne.

[3] Waaqayyo yommus Seexanichaan,“Iyoob garbicha koo irra yaada kee keessee ree” Biyya lafaa irra namni akka isaatii hin jiru, inni hir'ina kan hin qabne, nama qajeelaa, nama ana Waaqayyoon sodaatu, nama waan hamaa irraas goruu dha; ofumaa isa irratti ka'ee akkan isa balleessuuf ati ana toosifteetta; inni garuu amma iyyuu qajeelummaadhuma isaatti jabaatee jira” jedhe.

[4] Yommus Seexanni deebisee Waaqayyoon,“Inni fayyaa isaa ti, gogaan isaa iyyuu hin tuqamne; namni wanta qabu hundumaa lubbuu isaaf in kenna.

[5] Mee harka kee ol fuudhiitii lafee isaa fi foon isaa rukuti! Inni iyyuu mul'inatti si arrabsa” jedhe.

[6] Waaqayyos Seexanaan,“Kunoo, inni harka kee keessa jira, waa'ee lubbuu isaaf garuu of eeggadhu!” jedhe.

[7] Kana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa ba'ee adeemee, Iyoobin faana miilla isaatii hamma gubbee mataa isaatiitti iita madaa'uun in rukute.

[8] Iyoobis qiraacii ittiin of hooqu fudhatee daaraa keessa in taa'e.

[9] Haati manaa isaa immoo,“Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa” Waaqayyoon arrabsii du'i!” jetteen.

[10] Iyoob garuu isheedhaan,“Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbatta; wanta gaarii'o Waaqayyo harkaa in fudhanna, wanta hamaas immoo hin fudhannuu ree?” jedhe; kana hundumaa keessaa Iyoob waa dubbatee hin yakkine.

[11] Firoonni Iyoob sadan, Eliifaaz Temaanichi, Beldaad Shu'aahichi, Zofaar Naa'imaatichis wanta hamaa Iyoob irra ga'e kana yommuu dhaga'an isaa wajjin gadduudhaaf isa jajjabeessuudhaafis walii galanii iddoo iddoo isaaniitii in dhufan.

[12] Isaan halaalatti Iyoobin arganii isa ta'uu isaa hubachuu in dadhaban; erga hubatanii immoo uffata isaanii tatarsaasanii, awwaaras mataa isaanii irratti gara waaqaatti ol bittimsanii, sagalee isaanii ol fudhatanii in boo'an.

[13] Isaan guyyaa torbaa fi halkan torba isaa wajjin lafa in taa'an; dhiphinni isaa baay'ee guddaa ta'uu isaa waan arganiifis, isaan keessaa namni tokko illee isatti hin dubbanne.

Macaafa Iyoob — Chapters