Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:14

[1] Eliihuun ammas dubbachuu itti fufee,

[2] “Isin yaa namoota ogeeyyii nana dubbii koo dhaga'aa! Isin warri beektonnis na dhaggeeffadhaa!

[3] Akkuma arrabni nyaata mi'eeffatu, gurris immoo dubbii gargar baasee in ilaala;

[4] kottaa wanta qajeelaa ta'e gargar baafnee in fo'anna, walii wajjinis wanta gaarii ta'e in baranna.

[5] “Iyoob,“Ani qajeelaa dha, garuu Waaqayyotu firdii qajeelaa na dhowwate;

[6] ani utuman dhugaa qabuu, akka sobduutti nan ilaalame; irra-daddarbaa utuun hin qabaatinis, madaan koo kan hin fayyine ta'e” jedha.

[7] Nama attamiitu akka Iyoob ga'oo akka bishaaniitti dheebota ree”

[8] Inni namoota hamootaa wajjin hidhata, namoota jal'ootaa wajjinis miiltoo in ta'e;

[9] innoo,“Namni Waaqayyotti gammaduun, namaaf homaa waa'ee hin baasu” jedheera.

[10] “Kanaaf isin namoota hubatoo nana, na dhaga'aa! Jal'inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda'u irraa haa fagaatu!

[11] Inni akka hojii namaatti namaaf in deebisa, akka karaa isaattis akka inni argatu in godha.

[12] Eyyee, dhuguma Waaqayyo jal'inaan hin hojjetu, inni hundumaa danda'u dhugaa hin jal'isu.

[13] Biyya lafaa eenyutu hadaraa isatti kennate” Guutummaa biyya lafaas eenyutu uume”

[14] Waaqayyo namatti gara galee, hafuura isaa fi hafuura isa namatti baafate sana utuu deebifate,

[15] uumamni hundinuu ergaan takkaa in bada, namnis gara biyyootti in deebi'a ture.

[16] “Amma immoo yoo hubatteef kana dhaga'i! Dubbii ani dubbadhus dhaggeeffadhu!

[17] Wanta qajeelaa ta'e namni jibbu in mo'aa ree” Yookiis ati Waaqayyoon isa qajeelaa fi danda'aa in hammeessitaa ree”

[18] Mootiidhaan,“Ati waa'ee hin baaftu?, guddaa biyyaatiinis,“Ati jal'aa dha” kan jedhu isa.

[19] Hundumti isaanii hojii harka isaatii waan ta'aniif, inni gurguddootaaf hin loogu, sooressas hiyyeessa caalaatti hin ilaalu.

[20] Isaan battalatti in dhumu, halkan walakkaas sabni raafamee in dhuma, humna-qabeeyyiinis harki utuu itti hin bu'in in fuudhamu.

[21] “Iji isaa gara karaa namaa in ilaala, tarkaanfii isaa hundumaas in arga.

[22] Halkanii fi dukkanni sodaachisaan, lafti warri hamaa hojjetan dhokatan hin jiru.

[23] Namni si'achi firdiif fuula isaa duratti akka dhi'aatuufis, Waaqayyo dhaaba gochuufii isa hin barbaachisu;

[24] humna-qaboota qorannaa malee caccabsee in hurreessa, kan biraas iddoo isaanii in buusa.

[25] Inni waan isaan hojjetan waan beekuuf, halkanuma sana gara isaan in gaggalcha, isaanis akkasitti in bulleeffamu.

[26] Inni warra jal'oota gidduutti, lafa namni argutti isaan in rukuta;

[27] sababiin isaas isaan isa duukaa bu'uu dhiisanii waan gara galaniif, karaa isaas waan hin hubanneef.

[28] Boo'ichi warra hiyyeessaa gara isaa akka dhaqu in godhan, innis boo'icha warra rakkatoo in dhaga'e.

[29] Egaa utuu inni calluma jedhe, eenyutu isa hadheessa ree” Utuu inni fuula isaa dhokse, eenyutu isa arguu danda'a ree” Inni saba irratti, nama irrattis akkasuma,

[30] warra namoota sana gowwoomsan keessaa, nama Waaqayyo malee jiraatu tokko mootii in godha.

[31] “Namni Waaqayyoon, “Ani adaba koo nan fudhadha, deebi'ee immoo hin yakku!

[32] Wanta ani hin argine, ati na barsiisi! Wanta qajeelaa hin ta'in hojjedheera yoon ta'e immoo, lammaffaa itti hin deebi'u!” jedhe jiraa ree”

[33] Egaa sababii ati tuffatteef, Waaqayyo akka yaada keetti deebisaa ree” Isa situ fo'achuun ta'a malee ana miti, kanaaf ati waan beektu dubbadhu!

[34] Namoonni qalbii qaban, warri ogeessonni na dhaggeeffatanis haa dubbatan!

[35] Isaan,“Iyoob beekumsa malee dubbata, dubbiin isaas midhaan hin qabu” in jedhu.

[36] “Sababii deebiin isaa akka kan warra jal'ootaa ta'eef, Iyoob hamma dhumaatti qoramee utuu ilaalamee!

[37] Inni irra-daddarbaa cubbuu isaa irratti in dabala, nu gidduu taa'ee harka in rurrukutata, dubbii isaa isa Waaqayyo irratti dubbatus in baay'isa” jedhe.

Macaafa Iyoob — Chapters