[1] Warri dhiphina keessa turan si'achi dukkana keessa hin jiraatan; inni bara durii biyya Zaabiloonii fi biyya Niftaalem gad deebise, bara dhufutti immoo biyya Yordaanos gamaa fi Galiilaa isa kan saba warra kaaniif ulfina in kenna.
[2] Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu du'aa jala jiraataniifis ifni in ba'a;
[3] ati saba baay'iftee gammachuu isaaniis guddifteetta, isaan akka nama midhaan makarutti, si duratti in gammadu; akka warra boojuu hirmatuttis sagalee gammachuu in dhageessisu.
[4] Bara warra Miidiyaanitti akkuma goote, ammas waanjoo ulfaataa dhaa fi loloosoo isaa gatiittii isaanii irraa in caccabsita, ulee warra isaan cunqursaniis in hurreessita;
[5] kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuus ibiddaaf in ta'a; ibiddis isaan in fixa.
[6] Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa,“Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa” in jedhama.
[7] Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha.
[8] Dubbiin firdii inni Waaqayyo Yaaqoobitti erge, Israa'el irra in bu'e;
[9] namoonni Efreemii fi warri mandara Samaariyaa keessa jiraatan, of bokoksuudhaaf of gurguddisuudhaan akka dubbatan sabni hundinuu in beeka;
[10] namoonni Efreemii fi Samaariyaa kun, “Xuuphiin inni ijaarame in jige, nuyi immoo iddoo isaatti dhagaa soofamaadhaan in ijaarra; harbuun in murame, nuyi immoo iddoo isaa muka gaattiraa in dhaabna” in jedhu.
[11] Waaqayyo garuu diinota Resiin isaan irratti in kaase, diinota isaaniis isaanitti in tuqe;
[12] warri Sooriyaa karaa ba'a-biiftuu, warri Filiisxiyaa immoo karaa lixa-biiftuu dhufanii isaan liqimsuudhaaf afaan bananiiru; kana hundumaa irratti iyyuu inni dheekkamsa isaa isaan irraa hin deebifne; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.
[13] Jarri garuu gara isa isaan rukutee, gara Waaqayyo gooftaa maccaatti hin deebine, isas hin barbaaddanne;
[14] kanaafis warra mataadhaa fi eegeetti, damee muka meexxii fi dhalaadduutti fakkeeffaman Waaqayyo guyyaa tokkotti biyya Israa'el keessaa in balleessa;
[15] mataan, jaarsolii fi warra ulfina qabanii dha, eegeen immoo raajota warra soba nama barsiisanii dha.
[16] Warri saba kana geggeessan karaa irraa isa in kaachisan, warri isaaniin geggeeffamanis in badan.
[17] Kanaaf gooftichi dargaggoota isaaniitti hin gammadu, ijoollota abbaadhaa fi haadha hin qabneef, haadha hiyyeessotaatiifis hin oo'u; isaan hundumti isaanii warra Waaqayyo malee jiraatanii fi warra hamoota; wanti isaan dubbatan hundinuus hamaa dha; sababii kana hundumaaf dheekkamsi isaa isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.
[18] Jal'inni akka ibiddaa in guba, qoraattii fi kosorruu xaph in godha, caakkaa gobbuus in qabata; aarri isaas akka utubaatti gara waaqaatti ol in ba'a.
[19] Dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa lafa in guba; jarris ibiddichaa fi nyaata in ta'u; isaan keessaa namni tokko illee obboleessa isaatiif hin hilu;
[20] harka mirgaatiin in muratu, garuu beela hin ba'an; harka bitaatiinis in nyaatu, garuu hin quufan; tokkon tokkon isaanii foon aantii isaanii in nyaatu.
[21] Namoonni Minaasee namoota Efreem irratti, namoonni Efreemis namoota Minaasee irratti in ka'u; lachanuus walii wajjin Yihudaa irratti in ka'u; kana hundumaa booddee iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.