Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:37

[1] Bara Uziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka'aa irra taa'ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge;

[2] Suraafel isa gara irraadhaan in dhaabatan; tokkon tokkon isaanii qoochoo ja'a ja'a qabu turan; qoochoo lama lamaan fuula isaanii, qoochoo lama lamaan miilla isaanii in golboobbatu, qoochoo lama lamaan immoo in balali'u turan;

[3] walitti lallabaniis, “Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha” in jedhu turan.

[4] Sagalee walitti lallabuu isaanii irraa kan ka'es hundeen buusaa balbalaa in socho'e; aarris manicha qulqullummaa keessa in guute.

[5] Yommus ani,“Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef, iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef nan bade!” jedhee nan iyye.

[6] Kana irratti Suraafelli warra achi dhaabatan keessaa tokko, barbadaa ibiddaa isa qabduudhaan iddoo aarsaatii fuudhe harkatti qabatee gara kootti in balali'e;

[7] barbadichas afaan kootti buusee,“Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si irraa fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera” naan jedhe.

[8] Yommus sagalee Waaqayyoo isa,“Eenyunan erga” Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?” jedhu nan dhaga'e; achumaan ani immoo,“Kunoo, ani jira, ana ergi!” nan jedhe.

[9] Kanaaf inni, “Gara saba kanaa dhaqiitii, “Dhaga'uu in dhageessa, garuu hin hubattu; ilaaluu in ilaalta, garuu hin argitu!” jedhiin!

[10] Itti fufees immoo, akka hin arginetti, gurra isaatiin akka hin dhageenyetti, yaada garaa isaatiinis akka hin hubannetti, gara koottis akka hin deebinetti, akka hin fayyifamnettis, yaada garaa saba kanaa hadoodchi, gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi!” jedhe.

[11] Yommus ani,“Yaa gooftaa, kun hamma yoomiitti?” jedhee nan gaafadhe; inni immoo deebisee, “Hamma mandaroonni onanii namni keessa jiraatu dhibutti, hamma namni keessaa dhibee manni duwwaa ta'utti, hamma maasiin duudee badutti,

[12] hamma ani Waaqayyo namoota hundumaa biyyaa baasee biyya fagootti ergee lafti raawwatee onaa ta'utti;

[13] biyyicha keessatti nama kudhan keessaa namni tokko yoo hafe iyyuu, innis immoo in balleeffama; garuu akkuma qilxuu guddaan yommuu muramu gufuun isaa lafa keessatti hafu akkasuma sanyii qulqullaa'aan biyyicha keessatti in hafa” jedhe.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters