[1] Wanti waa'ee lafa onaa isa galaana bukkeetiif dubbatame, kanatti fufee jira; bubbeen biyya gara-mirgaa akkuma bubbisu, akkasuma lafa onaadhaa, biyya nama sodaachisuu wanti balleessu tokko in dhufa;
[2] wanti anatti mul'ate kun nama sodaachisa; mul'atichis, “Inni saamu in saama, inni balleessus in balleessa; yaa Elaam ka'i! Yaa Medoon marsi! Inni Baabilon nama rakkisaa turte hundinuu asuma irratti akka dhaabatu nan godha” kan jedhu ture.
[3] Ani kana yommuun arge, yommuun dhaga'es, na'ee dugdi koo na cite, akka dubartii ciniinsifattuus ta'ee, gad nan gugguufe.
[4] Garaan koo in raafame, naasuunis na rom'isiise, “Aara galfachuudhaaf yoom anaaf dhi'a?” jedhee nan hawwe; inni garuu naasuutti na duraa geddarame.
[5] Wanta irra taa'an afaa, maaddii qopheessaa! Nyaadhaa, dhugaa! isin gurguddoota nana ka'aa, gaachana keessan dibaatii haxaa'aa!
[6] Waaqayyo gooftaan anatti dubbatee, “Dhaqii eegduu dhaabi, inni immoo wanta argu haa himu!
[7] Konkolaataa, abboota fardeenii lama lama ta'anii adeeman konkolaataa harreedhaan harkifamuu fi konkolaataa gaalaan harkifamu yommuu argu, ba'eessa godhee hubatee haa ilaalu!” naan jedhe.
[8] Eegdichis iyyee, “Yaa gooftaa, ani guyyaa hundumaa iddoo dhaabatanii eegan kana nan dhaabadha, halkan hundumaas dammaqee nan eega.
[9] Ilaa! Jarreen tokko konkolaataa fardeeniin harkifamu yaabbatanii dhufaa jiru” jedha; isaan keessaa inni tokko immoo ka'ee, “In kufte! Baabilon in kufte! Fakkeenyi waaqayyolii tolfamoo ishee hundinuus caccabanii lafatti in dabalaman” jedhe.
[10] Yaa warra akka midhaan oobdii keessaa rukutamtanii, ani wantan Waaqayyo gooftaa maccaa isa kan Israa'el irraa dhaga'e isinitti nan hima.
[11] Wanti waa'ee Edoomiif dubbatame kanatti fufee jira; namni tokko Se'iirii na waamee, “Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe” Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe?” naan jedhe.
[12] Eegdichis deebiseefii, “Ganamni, galgallis in dhufa, wanta gaafattu yoo qabaatte garuu deebi'ii kottuutii gaafadhu!” jedhe.
[13] Wanti waa'ee biyya Arabaatiif dubbatame kanatti fufee jira; yaa imaltuu warra Dedaan, caakkaa keessa buufadhaatii achuma bulaa!
[14] Yaa warra biyya Teemaa, warra dheebotaniif bishaan kennaa! Warra Dedaanii baqatanii dhufan buddeenaan simadhaa!
[15] Isaan billaa jalaa, billaa luqqifame jalaa baqatan; iddaa dhifamee fi lola guddaa jalaas in ba'an.
[16] Ammas wanti Waaqayyo anatti himee,“Akka namni qacaramee hojjetu waggaa lakkaa'atutti, si'achi waggaa tokko keessatti, ulfinni Qedaar gad in deebi'a;
[17] ilmaan Qedaar warra jajjaboo warra xiyyaan warraanan keessaas muraasi in hafu” kan jedhuu dha; Waaqayyo gooftaan Israa'el kana dubbateera.