Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 6:08

[1] Kunoo! Harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne;

[2] yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;

[3] harka keessan dhiigaan, bar'uu keessanis yakkaan xureessitaniittu; afaan keessaniin soba in dubbattu, arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageessiftu.

[4] Namni firdii qajeelaadhaan adeemu, namni dhugaadhaan faradus tokko illee hin jiru; isin dubbii waa'ee hin baafne in amanattu, sobas in dubbattu; hammina garaa keessa in kaa'attu, jal'inas garaa keessan keessaa in baaftu.

[5] Isin akka nama hanqaaquu mar'ataa cabsee ilmoo ishee yaasuu ti, akka nama fo'aa sariitii fo'uu tis; namni utuu hin beekin hanqaaquu sana yoo nyaate in du'a, hanqaaquu isa cabu keessaa immoo ilmoo bofaatu ba'a.

[6] Fo'aan sariitii isin fo'attan uffata hin ta'u, isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan; hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha, harkan keessaniin waan hamaa in hojjettu.

[7] Isin jal'ina hojjechuutti in fiigdu, dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuuttis in ariifattu; yaadni keessan jal'aa dha, gara itti adeemtanittis hojiin keessan diiguu fi balleessuu duwwaa dha;

[8] lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan, daandii keessan irras firdiin qajeelaan hin jiru; karaa jal'aa irra in adeemtu, namni yaada keessan duukaa bu'us nagaa hin qabu.

[9] Kanaafis jarri, “Firdii qajeelaan nu irraa in fagaate, qajeelummaanis nu bira hin ga'u; nuyi ifa in eegganna, garuu kunoo, dukkanatu dhufa; nuyi ifa guyyaa in abdanna, amma iyyuu garuu dukkana limixii keessa adeemaa jirra.

[10] Akka nama jaamaa keenyan qaqqabannee, akka nama ija hin qabnee karaa in barbaaddanna; akka waan dimimmisaa'eetti guyyaa saafaadhaan in gufanna, warra ciccimoo keessattis akka warra du'anii in taane.

[11] Hundumti keenya akka amaaketaa in gururiina, gaddinees akka gugee in aadna; firdii qajeelaa in abdanna, inni garuu hin jiru; fayyina in eegganna, inni garuu nuttii fagoo dha.

[12] “Irra-dadarbaan keenya si duratti baay'ateera, cubbuun keenyas nu irratti dhugaa ba'eera; balleessaa keenya beekneerra, yakka keenyas hubanneerra.

[13] Nuyi irra daddarbineerra, goofticha duratti soba dubbanneerra, Waaqayyo keenya irraas deebineerra; humnaan nama irratti kaanee nama miidhuu in yaadna, dubbii sobaas garaa keenya keessatti yaadnee in dubbanna.

[14] Kanaafis qajeelummaanii fi firdii qajeelaa kennuun nu irraa in fageeffame, dhugaan yaa'ii guddaa keessatti karaa irraa in jal'ifamte, gara-qajeelinnis achi keessatti argamuu in dadhabe.

[15] Dhugaan in dhibame, namni wanta haamaa irraa gorus in saamama” jedhan; Waaqayyo garuu firdiin qajeelaan akka dhabame argee in jibbe.

[16] Kana qajeelchuudhaaf kan yaale tokko illee akka hin jirre Waaqayyo yommuu kana arge in dinqisiifate; qajeelummaa isaatti in hirkate, irree isaatiinis mo'icha in argate;

[17] inni qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti in uffata, fayyinas akka gonfoo sibiilaatti mataa irra in kaa'ata; inni ijaa baafachuu akka uffataatti, hinaaffaas akka qolootti in uffata;

[18] inni warra isa jibban irratti dheekkamsa in fida, diinota isaatiifis gatii isaanii in kenna; namoonni biyyoota galaana gidduu keessa jiraatanis gatii hojii isaanii in argatu.

[19] Yommus warri biyya gara lixa-biiftuu jiran maqaa Waaqayyoof ulfina in kennu, warri biyya gara ba'a-biiftuu jiranis ulfina isaa in sodaatu; warri isa jibban akka bishaan dafee fiigutti yommuu dhufan, hafuurri Waaqayyoo isaanitti dhufee isaan in oofa.

[20] “Inni furu, gara Xiyoon, sanyii Yaaqoob keessaa gara warra irra-daddarbaa isaaniittii deebi'anii in dhufa” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.

[21] Waaqayyo,“Ani isiniif kakadheera; hafuurri koo isin irra in boqota; dubbiin koo inni ani afaan keessan keessa isiniif kaa'e, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee keessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee keessanii keessaas hamma bara baraatti hin dhabamu” jedha.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters