Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:23

[1] Kunoo! Waaqayyo gooftaan maccaa, waan isaan ittiin jiraataniif waan isaan ittiin gargaaraman Yerusaalemii fi Yihudaa harkaa in fuudha, buddeenaa fi bishaan isaan ittiin jiraatan isaan harkaa in fuudha;

[2] gootota, loltoota, abboota firdii, raajota, warra hooda dubbatan, jaarsolii,

[3] angafa shantamaa, namoota aboo qaban, gorsitoota, ogeessota harka tolanii fi warra qoricha namatti godhan isaan irraa in fuudha.

[4] Dargaggoonni akka isaan bulchan, ijoolleenis isaan irratti akka mo'an in godha;

[5] sabni wal in cunqursa, namni nama irratti, ollaan ollaa irratti, dargaggoonni jaarsolii irratti, inni gad deebi'aan isa ulfina-qabeessa irratti in ka'a.

[6] Yeroo sanatti namni tokko obboleessa isaa isa mana abbaa isaa keessa jiru tokko qabee, “Ati qoloo tokko qabda, dura-buutuu nuuf ta'i, isa diigame kana harka kee jala nuuf galchi!” in jedha.

[7] Gaafas inni immoo,“Saba kana irratti dura-buutuu ana hin godhinaa, buddeenni yookiis qoloon mana koo keessa hin jiru, ani isa madaa'e hin fayyisu” jedhee in kakata.

[8] Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii isaaniitii fi hojii isaaniitiin Waaqayyoon mormanii ulfina isaa waan salphisaniif, Yerusaalem in gatantarti, Yihudaan immoo in kufti;

[9] akka isaan nama wal caalchisan fuulli isaanii dhugaa isaan irratti in ba'a; akka warra Sodoom cubbuu isaanii bakkeetti in mul'isu, hin dhoksanis; kanaan badiisa waan ofitti fidaniif isaaniif wayyoo!

[10] Namni qajeelaan ija hojii isaatti gammaduuf waan jiruuf, gammadi ittiin jedhaa!

[11] Namni jal'aan garuu wanta nama irratti hojjete hundumaa argachuuf waan jiruuf, isaaf wayyoo!

[12] Saba koo ijoolleetu gad qabaa jira, warri hiiqii kennatanis isaan irratti in mo'u. Yaa saba koo! Warri si geggeessan karaa irraa si kaachisaniiru, daandii qajeelaa irraas si gorsiisaniiru.

[13] Waaqayyo dubbii isaa falmachuudhaaf in ka'a, sabatti faraduudhaafis iddoo isaatti in argama;

[14] Waaqayyo jaarsolii saba isaa fi gurguddoota saba isaa firdiitti dhi'eessee, “Isin iddoo dhaabaa waynii raawwattanii in balleessitan; inni isin hiyyeessota irraa saamtanis mana keessan keessa jira;

[15] saba koo caccabsuun keessan, hiyyeessotas cunqursaa guddaadhaan yeellaasisuun keessan kun maal jechuu keessan?” jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.

[16] Waaqayyo,“Intaloonni Xiyoon of gurguddisanii morma irra-keessa qabatanii, ijaan nama hawwachaa, albuus waliin rukutaa in adeemu.

[17] Kanaaf ani gooftichi gubbee intaloota Xiyoonitti qaaqee nan buusa, qullaattis isaan nan hambisa” jedha.

[18] Guyyaa sanatti gooftichi albuu isaanii miillaa isaaniittii in baasa, shaashiis adda isaaniittii in fuudha, mi'a miidhaginaas isaanittii in baasa;

[19] amartii gurraa fi bitawoo harkaa, marata mormaas isaanittii in baasa;

[20] marata mataa, irboora, sabbata, bilqaaxii urgooftuu, kudhaamas isaan harkaa in fuudha;

[21] amartii mallattoo fi amartii funyaanii isaanittii in baasa;

[22] uffata cidhaa, wayyaa isa irra-keessaa, qoloo, korojoo harkatti baatanis isaan irraa in fuudha;

[23] of-ilaalee, uffata quncee talbaa irraa hojjetame, marata mataa, gonboos isaan irraa in fuudha.

[24] Qooda foolii urgaa'uu, fooliin ajaa'u, qooda teepha ittiin mudhii hidhatanii, funyoon, qooda rifeensa mataa tolfachuu, haaddachuun, qooda uffata gaarii, uffata gaddaa uffachuun, qooda miidhagummaa, godaannisi isaanitti in dhufa.

[25] Dhiironni kee billaadhaan, loltoonni kees duula keessatti in dhumu;

[26] karrawwan Xiyoon akkuma namaatti gaddanii in boo'u, mandarattiinis akka ishee qullaatti haftee in taati.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters