[1] Hidda Isey keessaa latiin in ba'a, dameenis hundee isaa keessaa ba'ee ija in godhata;
[2] hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura hubannaa ti, hafuura gorsaatii fi hafuura humnaa ti, hafuura beekumsaatii fi hafuura sodaa Waaqayyoo ti.
[3] Inni Waaqayyoon sodaachuutti in gammada, faraduudhaaf ijaan arguu, murtoo kennuudhaafis nama irraa dhaga'uu isa hin barbaachisu;
[4] warra dhabaniif qajeelummaadhaan in farada, gadadamoota lafa irraatiif murtoo qajeelaa in kenna; dubbii afaan isaa keessaa isa akka uleetiinis biyya lafaa in rukuta, hafuura afaan isaa keessaa ba'uunis warra jal'oota in ajjeesa;
[5] qajeelummaan akka teepha mudhii isaatii ti, amanamummaanis akka sabbata inni ittiin hidhatuu ti.
[6] Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaa gidduu in jiraata, qeerransis ilmoolee reettii gidduu in ciisa, jabbiinii fi leenci saafelli walii wajjin in bobba'u, mucaan xinnoonis isaan in tiksa;
[7] saawwii fi amaaketi walii wajjin in sooratu, jabboonnii fi ilmooleen amaaketaa wal bira in cicciisu, leencis akka qotiyyoo cidii in nyaata;
[8] mucaan harma hodhu boolla mar'ataa bira in taphata, inni harma gu'es harka isaa mann'ee buutii keessa in kaa'a.
[9] Tulluu koo isa qulqullaa'aa irrattis nama kan miidhu, yookiis waa kan balleessu hin jiru; akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta.
[10] Yommus hiddi Iseyi akka faajjiitti sabaaf in dhaabata; sabni lafa irraa isa in barbaaddata, iddoon inni boqotus ulfina-qabeessa in ta'a;
[11] yeroo sanatti gooftichi si'a lammaffaa harka isaa diriirsee saba isaa warra biyya Asoritti, biyya Gibxitti, biyya Faaxrositti, biyya Kuushitti, biyya Elaamitti, biyya Shiinaaritti, biyya Haamaatitti, biyya daarii galaanaattis hafan in fura.
[12] Inni saba lafa irraaf faajjii ol in kaasa, warra Israa'el keessaa ari'atamanii ba'anis walitti in qaba; warra Yihudaa keessaa faffaca'anis golee lafaa arfanuutii walitti in sassaaba.
[13] Yommus hinaaffaan Efreem in bada, diinonni Yihudaas in dhumu, Efreem Yihudaatti hin hinaafu, Yihudaanis Efreemin hin rakkisu.
[14] Isaan walii wajjin gara lixa-biiftuutti in fiigu, gatiittii Filiisxiyaa irrattis lafa in dha'u; warra gara ba'a-biiftuu jiranis walii wajjin in saamu; Edoomii fi Mo'aabin harkatti in galfatu, warri Amoonis isaaniif in abboomamu.
[15] Waaqayyo arraba galaana Gibxii raawwatee in gogsa, harka isaas Efraaxiis irratti ol kaase, qilleensaan isa rukutee iddoo torbatti gargar in hira; namnis kopheedhaan keessa adeemee akka ce'u in godha;
[16] akkuma yommuu Israa'el biyya Gibxii ba'e karaan tolfameef, akkasuma saba isaa warra Asoritti hafaniifis karaa guddaan in tolfama.