Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:02

[1] Tulloonni si sodaatanii akka raafamanitti, maaloo bantiiwwan waaqaa tarsaaftee utuu gad buutee!

[2] Akkuma namni hanxaxiidhaan ibidda qabsiisee, ibidda ho'aadhaan bishaan danfisuutti, akkasuma sabni lafa irraa si duratti akka rom'aniif, gad bu'ii diinota keetti maqaa kee beeksisi!

[3] Ati yommuu gad buute, tulloonnis si sodaatanii si duratti in raafaman; wanta nuyi hin yaadin, isa nama sodaachisu sana in hojjette;

[4] kan akka kee warra isa abdataniif waa raawwatu Waaqayyo kan biraa tokko illee hin jiru; durii duriitii jalqabee dhaga'amee, argamees hin beeku.

[5] Ati gara nama isa hojii qajeelaa hojjechuutti gammaduu fi gara nama isa karaa kee yaadatuu in dhufta. Kunoo! Nuyi waan cubbuu hojjenneef ati nutti in dheekkamte; nuyi cubbuu keessa bara dheeraa yoo turre iyyuu amma immoo in fayyina;

[6] nuyi hundumti keenya garuu akka wanta xuraa'aa taane, qajeelummaan keenya hundinuus akka moofaa xuraa'ummaa in ta'e; nuyi hundumti keenya akka baalaa in coollagne, yakki keenyas akka qilleensaa nu fudhatee in adeeme.

[7] Namni maqaa kee waammatu tokko illee hin jiru, namni ofii isaatiin ka'ee gara keetti deebi'uu yaalus hin jiru; ati fuula kee nu irraa in deebifte, yakka keenyattis dabarsitee nu in kennite.

[8] Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dha'uutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti.

[9] Yaa Waaqayyo, maaloo nuyi saba kee ta'uu keenya yaadadhu! Gara keenya ilaali malee, baay'iftee nutti hin aarin; bara baraanis yakka keenya nutti hin yaadatin!

[10] Mandaroonni kee warri qulqullaa'oonni duwwaa in ta'an, Xiyoon lafa onaa in taate, Yerusaalem in diigamte.

[11] Manni qulqullummaa keenya inni ulfina-qabeessi, inni abboonni keenya keessatti si galateeffachaa turan ibiddaan in gubame, wanti nu gammachiisu hundinuus in diigame.

[12] Yaa Waaqayyo! Wanti akkasii kun yommuu nu irra ga'u calluma jettee dhiiftaa” Calluma jettees adaba guddaadhaan nu dhiphiftaa?

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters