Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 1:44

[1] Yeroo sanatti dubartoonni torba dhiira tokko qabatanii,“Nuyi buddeena ofii qabnu in nyaanna, uffata ofii qabnus in uffanna, arrabsamuun keenya akka hafutti maqaa keetiin akka waamamnu duwwaa nuuf godhi!” in jedhuun.

[2] Yommus wanti Waaqayyo lafa irratti biqilchu miidhagaadhaa fi ulfina-qabeessa in ta'a; iji muka lafa irratti biqiluus saba Israa'el keessaa warra hafaniif of jajuudhaaf, ulfinaaf in ta'a;

[3] warri Xiyoon keessatti hafanii Yerusaalem keessa turan, maqaan isaanii warra Yerusaalem keessa jiraatan keessatti kan caafame hundinuus qulqulloota in jedhamu;

[4] yommuu gooftichi intaloota Xiyoon irraa xuraa'ummaa dhiqu, hafuura firdii fi hafuura ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee qulleessu,

[5] guutummaa tulluu Xiyoon irratti, warra achi irratti walitti qabaman hundumaa irrattis guyyaa duumessaa fi aara, halkanis ifa arraba ibiddaa in uuma; ulfinni isaas guutummaa mandarattii in golbooba, in eegas;

[6] yeroo aduun gubu, gaaddisa, yeroo bubbeen bubbisuu fi yeroo bokkaan roobutti immoo iddoo itti baqatan in ta'aaf.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters