Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:15

[1] Biyya sagaleen markabaa itti baay'atu, isa lagoota Kuush gama jiruuf wayyoo!

[2] Biyyichi ergamoota isaa galaana irra, bidiruu dhallaadduu irraa hojjetameenis bishaan Abbayyaa irra in erga; isin ergamoonni ariifattanii adeemtan, gara saba dhedheeroo fi cuccululuqoo, gara saba fagootti, dhi'oottis sodaatamanii, gara saba aangoo isaatiin mo'uu, gara warra biyyi isaanii lagootaan gargar hiramee dhaqaa!

[3] Isin warri lafa irra jiraattan, biyyi lafaas hundinuu, faajjiin gaarota irra yommuu dhaabamu in argitu, fiinoon yommuu afuufamus in dhageessu.

[4] Waaqayyo anatti dubbatee, “Ani iddoo taa'umsa kootiitii, ifa ho'a aduu calaqqisu keessaan, duumessa yeroo makarii jiidha baatee adeemu keessaanis, cal jedhee gad nan ilaala” jedhe.

[5] Mukti waynii daraaraa yommuu buufatu, yeroon makarii utuu hin ga'in, iji isaas utuu hin bilchaatin, haaduudhaan hiddi isaa irraa in cirama, dameen isaas irraa kukkutamee in balleeffama.

[6] Diinonnis akkasuma ciramanii, allaattii raqaa warra tulluu irra jiraniif in kennamu; bineensotaafis soora in ta'u, allaattiin raqaa isaaniin bona in ba'a, bineensonnis isaaniin gana in ba'u.

[7] Gaafas sabni inni dhedheeraanii fi cuccululuqaan, sabni fagootti, dhi'oottis sodaatamu, sabni aangoo isaatiin mo'e, biyyi isaa lagootaan gargar hirame, iddoo maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin beekametti, gara tulluu Xiyoonitti, gooftichaaf kennaa in fida.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters