[1] Hisqiyaas mootichi kana yommuu dhaga'e, uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffatee mana qulqullummaatti ol gale;
[2] achumaanis Eliyaaqim isa bulchaa mana mootummaa, Shebnaa isa caaftuu mana mootummaa fi luboota keessaa warra jaarsoliitti uffata gaddaa uffisee, gara Isaayaas raajichaa ilma Amozitti isaan in erge;
[3] isaanis Isaayaasiin,“Hisqiyaas mootichi,“Barri kun bara rakkinaa, bara adabaa fi bara salphinaa ti; akka yeroo dubartiin da'uuf jette humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduu ti;
[4] Waaqayyo gooftaan kee dubbii Rabshaaqee isa gooftaan isaa mootiin Asor as erge Waaqayyo isa jiraataatti akka inni ga'isu godhu kana dhaga'eera; kanaaf ati immoo harka kee ol kaasii warra hafaniif kadhadhu!” jedha” jedhan.
[5] Garboonni Hisqiyaas mootichaas gara Isaayaas dhaqanii dubbii kana yommuu isatti himan,
[6] inni immoo deebisee,“Gooftaa keessanitti,“Dubbii anatti ga'isuu garboota mootii Asor isa dhageesse kana hin sodaatin!
[7] Kunoo! Ani hafuura inni ittiin dhaga'u nan kennaaf; innis oduu dhaga'ee gara biyya isaatti in deebi'a; achittis billaadhaan isa nan ajjeesisa jedheera Waaqayyo” jedhaatii himaa!” jedhe.
[8] Mootiin Asor Laakiishii akka ka'e Rabshaaqeen angafni loltootaa dhaga'ee deebi'ee yommuu dhufe, utuu mootichi mandara Liibnaa rukutuutti jiruu in arge;
[9] Tiirhaaqaan mootiin Kuush isa loluudhaaf dhufaa akka jiru Shenaaheriib yommuu dhaga'e, Hisqiyaasitti namoota ergee,
[10] Hisqiyaas mootii Yihudaatiin,“Waaqayyo kee inni ati amanattu sun,“Yerusaalem harka mootii Asoritti dabarfamtee hin kennamtu” jedhee, si hin gowwoomsin!
[11] Kunoo! Ati wanta mootonni Asor biyyoota hundumaa godhan, akka isaan raawwatanii isaan balleessanis dhageesseetta; ati immoo waan ooltu sitti fakkaataa”
[12] Waaqayyoliin saba lafa irraa warri abboota kootiin balleeffaman, waaqayyoliin mandaroota Gozaan, Haranii fi Rezee fi, kan saba Eden warri Tel-Aasar keessa turan isaan oolchaniiruu ree”
[13] Mootiin Haamaat, mootiin Arphaad, mootiin mandaroota Sefarwaayim, Henaa fi Iiwaa meerree ree?” jedhe.
[14] Hisqiyaas caaffata sana warra ergaman harkaa fuudhee erga dubbisee booddee, gara mana qulqullummaa dhaqee caaffaticha banee Waaqayyo duratti in diriirse;
[15] Waaqayyoon kadhachuu jalqabee,
[16] “Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'el! Yaa isa Kiruubel gara irraa jiraattuu, ati waaqaa fi lafa uumteetta, kophaa kees mootota lafaa irratti Waaqayyoo dha;
[17] yaa Waaqayyo, gurra kee gara keenyatti qabii dhaggeeffadhu! Ija keetiinis ilaali! Dubbii Shenaaheriib isa inni si Waaqayyo isa jiraataatti ga'isuudhaaf erge kanas dhaga'i!
[18] Yaa Waaqayyo! Mootonni Asor saba kanaa fi biyyoota isaanii hundumaa dhuguma balleessaniiru;
[19] waaqayyolii isaaniis ibidda keessa buusaniiru; waaqayyoliin isaanii kun harka namaatiin dhagaadhaa fi muka irraa hojjetaman malee, isaan Waaqayyo waan hin ta'iniif, namni isaan balleessuu danda'e;
[20] ammas yaa Waaqayyo! Mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo si duwwaa akka ta'e akka beekanitti, ati harka isaanii jala galuu nu oolchi!” jedhe.
[21] Ergasii Isaayaas ilmi Amoz gara Hisqiyaasitti dhaamsa ergee,“Waaqayyo gooftaan Israa'el isa ati waa'ee Shenaaheriib mootii Asoriif kadhatte dhaga'eera;
[22] waa'ee isaatiifis kan inni jedhu kanatti fufee jira; “Yaa Shenaaheriib, durbi Xiyoon si tuffattee sitti in ga'ifti, durbi Yerusaalem si duubaan mataa sitti in raafti;
[23] ati eenyuun arrabsite, eenyuttis ga'ifte” Eenyu irratti sagalee kee ol fudhatte, eenyuttis achii ol ija baafte” Isa qulqulluu kan Israa'el irratti kaate mitii ree?” jedha.
[24] Ati namoota kee yommuu ergitee, Waaqayyotti ga'iftee, “Konkolaataa koo isa baay'eedhaan gara fiixee tullootaatti ol nan ba'a, bantii tulloota Liibaanon irras nan ga'a; gaattiraa isaa warra dhedheeroos nan jijjigsa, birbirsa isaa warra gaggaariis kukkutee nan balleessa; iddoo dhokataa isa ol ka'aa, caakkaa isaa isa gobbuu biras nan ga'a;
[25] boolla qotee bishaan nan baafadha, bishaanichas nan dhuga; miilla kootiin lagoota Gibxii hundumaa keessa adeemee nan gogsa” in jette.
[26] “Isa amma ta'e kana akkan qopheesse, duraan dursees akeeka isaa akkan baase, mandaroota kellaa dhagaa qaban akka ati caccabsitu, tuullaa kosiis akka ati isaan gootu, akka ani godhe ati hin dhageenyee”
[27] Warri mandaroota sana keessa jiraatan humna in dhaban, in yeella'an, in na'anis; akka dhaabaa iddoo bishaan hin jirre keessa jiruu fi, akka marga mana irratti biqilee in ta'an, qilleensa ba'a-biiftuu isa gubaadhaanis in gubatan;
[28] yommuu ati kaatuu fi yommuu ati teessu, yommuu ati baatuu fi yommuu ati galtu; aariidhaan ana irratti dubbachuu kees ani bareera.
[29] Ati ana irratti waan kaateef, sagaleen of jajuu keetii gurra kootti waan baay'ateef, ani xiixaa sin ursiisa, luugamas afaan kee keessa nan keessisa, karaa irra dhufte irras sin deebisa!” jedhe.
[30] Isaayaas yommus Hisqiyaas mootichaan, “Milikkinni siif kennamu kanatti aanee jira; “Waggaa kana midhaan ofumaan biqilee guddatu in nyaatta; waggaa dhufuttis akkasuma midhaan ofiin biqilu in nyaatta; waggaa sadaffaatti garuu qotii makaradhu! Muka wayniis dhaabi, ija isaas nyaadhu!
[31] Sanyii Yihudaa keessaa warri hoofkalanii hafan, ammas hidda yaafatanii wal in horu,
[32] yommus warra Yerusaalem keessaa kan hafan, warra tulluu Xiyoon irra jiran keessaas kan baqatan in dhufu; hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha” jedhe.
[33] “Kanaaf Waaqayyo waa'ee mootii Asoriif, “Inni si'achi gara mandara kanaa dhufee, xiyya gad itti hin dhiisu; gaachanas fudhatee dhufee koobii kellaa isheetti hin ijaarratu;
[34] karaa irra dhufe irra deebi'a malee, mandara kanatti hin lixu” jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.
[35] Waa'ee mandarattiif immoo, “Ani ofii kootiif garbicha koo Daawitiifis jedhee mandara kana nan eega, nan oolchas!” jedheera” jedhe.
[36] Ergasii ergamaan Waaqayyoo ba'ee buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese; namoonni ganama ka'anii yommuu ilaalan, kunoo! Reeffa hunduma isaanii in argan.
[37] Yommus Shenaaheriib mootiin Asor achii ka'ee gara biyya isaatti deebi'ee mandara Nanawwee keessa in taa'e.
[38] Gaaf tokko inni mana “Nisroo” Waaqayyo tolfamaa isaa keessa lixee utuu sagaduu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer dhufanii billaadhaan rukutanii isa ajjeesanii, gara biyya Araaraatitti in baqatan; ilmi isaa inni“Esaar-Hadon” jedhamu iddoo abbaa isaatii mootii in ta'e.