Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:08

[1] Ani amma michuu koo isa jaallatamaadhaaf waa'ee iddoo dhaabaa waynii isaatii weedduu nan weeddisa; michuun koo gaara coomaa irraa iddoo dhaabaa waynii tokko qaba ture;

[2] inni lafa isaa soqee, dhagaa keessaa funaanee, sanyii waynii isa gaarii achi keessa in dhaabe; riqaas keessatti in tolche; iddoo ija waynii itti cuunfanis keessatti in ijaare; ija waynii isa miyaa'aa akka godhatus in abdate, waynichi garuu ija hadhaa'aa in godhate.

[3] Michuun koos, “Egaa isin warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin namoonni Yihudaas, anaa fi iddoo dhaabaa waynii koo gidduutti firdii kennaa!

[4] Kana caalaa iddoo dhaabaa waynii koof maal gochuutu ana irra ture” “Anoo ija miyaa'aa godhata” jedheen abdadhe, waynichi garuu maaliif ija hadhaa'aa godhate ree”

[5] “Amma ani iddoo dhaabaa waynii koo maal akkan godhu isinitti nan hima; dalasaa isaa irraa nan diiga, innis iddoo horiin dheeddu in ta'a, horiin kotteedhaan akka isa balleessitutti kellaa dhagaa isaas nan diiga;

[6] maasii gad dhiifame isa nan godha, dameen isaa irraa hin qeexxa'amu, jalas hin soqamu; kosorruu fi qoraattiin achi keessatti in biqilu, bokkaan akka itti hin roobneefis duumessa nan abbooma” jedha.

[7] Iddoon dhaabaa waynii Waaqayyo gooftaa maccaa kun mana Israa'el; dhaabaan waynii inni itti gammadus namoota Yihudaa ti; inni isaan keessatti firdii qajeelaa abdatee ture, kunoo, dhiiga dhangalaasuutu ta'e; qajeelummaa isaan irraa eeggatee ture, kunoo, wal cunqursanii wawwaachuutu ta'e.

[8] Isin warra iddoo tokko illee utuu hin hambisin, mana qabdan irratti mana, maasii qabdan irrattis maasii dabalattanii, kophaa keessan lafa fudhattanii teessaniif wayyoo!

[9] Waaqayyo gooftaan maccaa akka ani dhaga'utti dubbatee, “Dhugumaan manneen baay'een in onu, warri gurguddoonnii fi mimmiidhagoonni duwwaatti in hafu;

[10] iddoon dhaabaa waynii meesaan kudhan baatihii tokko duwwaa in godhata; sanyiin omeeriin tokko facaafamee eefaa tokko duwwaa in ta'a” jedhe.

[11] Warra dhugaatii barbaaduudhaaf ganameeffatanii ka'aniif, warra hamma dhugaatiin jabaan isaan gubutti, hamma halkaniitti taa'aniif wayyoo!

[12] Isaan nyaataa fi dhugaatiitti yommuu taa'an, maseenqoo, kiraara, dibbee, ulullee, daadhii wayniis qabu; gochaa Waaqayyoo garuu hin ulfeessan, hojii harkaa isaatiis hin safeeffatan;

[13] sabni koo kana beekuu waan dideef in booji'ama; namoonni isaa warri ulfina-qabeeyyiin beelaan in dhumu; namoota danuus dheebuun in gogsa;

[14] kanaaf iddoon lafa jalaa garaa isaa in bali'fata, afaan isaas baay'ee bal'isee in bana; gurguddoonni isaanii fi namoonni baay'een, warri gammadaniif warri wacan achitti gad in bu'u.

[15] Akkasitti namni hundinuu gad in qabama, iji warra of tuultuus lafa in ilaala;

[16] Waaqayyo gooftaan maccaa garuu firdiitti ol in jedha, Waaqayyo inni qulqulluun qajeelummaa isaatiin qulqulluu ta'uu isaa in argisiisa;

[17] yommus xobbaallonni hoolaa akkuma kaloo isaaniitti achi keessa in dheedu; lafa ona warra coccoomoo keessas ormi in dheechifata.

[18] Warra funyoo sobaatiin yakka harkisaniif, warra hidhaa konkolaataatiin cubbuu gototaniif wayyoo!

[19] Isaan,“Nuyi akka arginutti mee Waaqayyo haa ariifatu! Hojii isaas haa ariifachiisu, nuyi akka beeknuttis akeeki qulqulluu Israa'el haa dhi'aatu, dafees haa dhufu!” in jedhu.

[20] Warra isa hamaadhaan “Gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha” jedhaniif, warra dukkana ifa fakkeessanii, ifa immoo dukkana fakkeessaniif, warra wanta dhangaggaa'aa miyaa'aa fakkeessanii, wanta miyaa'aa immoo dhangaggaa'aa fakkeessaniif wayyoo!

[21] Warra yaada ofii isaaniitti ogeessota of se'aniif, warra afchaalota of se'aniif wayyoo!

[22] Warra daadhii waynii dhuguutti jaboo ta'aniif, warra dhugaatii cimaa waliin makuutti beekamaniif wayyoo!

[23] Isaan gabbarsuu fudhatanii isa yakkeef in faradu, isa qajeelaatti immoo firdii in jal'isu;

[24] kanaafis akkuma arrabni ibiddaa qarmii gubu, akkuma ibiddi fura lafa irraa haxxaa'u, akkasuma hundeen isaanii in tortora, daraaraan isaaniis akka awwaaraatti ol in ka'a; isaanoo gorsa Waaqayyo gooftaa maccaa dhiisaniiru, dubbii isa kan qulqulluu Israa'elis tuffataniiru.

[25] Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaa irratti in boba'a, inni harka isaa ol fudhatee isaan in rukuta; tulloonnis in socho'u; reeffi isaanii akka kosii karaa keessa in tuulamu; kana hundumaa keessaa inni dheekkamsa isaa amma iyyuu isaan irraa hin deebifne, harki isaas akka ol itti fuudhametti jira;

[26] inni saba biyya fagootiif faajjii ol in fuudha, daarii lafaatiis siiquudhaan isaan in waama; isaanis kunoo, dafanii in dhufu;

[27] isaan keessaa tokko illee kan dadhabuu fi kan gatantaru, kan muguu fi kan rafu hin jiru; teephi mudhii isaanii hin laafu, hidhaan kophee isaaniis hin citu;

[28] xiyyi isaanii qara qaba, iddaan isaaniis dhifamaa dha; kotteen fardeen isaanii akka dhagaa qara qabuu ti, geengoon konkolaataa isaaniis akka bubbee in fiiga;

[29] akka leencaa fi akka ilmoolee leencaa, aadanii isaanitti in gururi'u; itti gururi'anii qabatanii fudhatanii in adeemu; harka isaanii keessaas kan isaan baasu tokko illee hin jiru;

[30] gaafas akka galaanaa isaanitti in huursu, namni biyyicha keessa yoo ilaale, kunoo, dukkanaa fi rakkina in arga; duumessi isaas ifa in haguuga.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters