Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:02

[1] Wanti Isaayaas ilmi Amoz waa'ee Baabiloniif arge kanatti fufee jira.

[2] Tulluu duwwaa irratti faajjii ol fuudhaa! Sagalee guddaadhaan loltoota waamaa! Karra kellaa warra gurguddootaa keessa akka lixaniif, harkaan isaan argisiisaa!

[3] Ani Waaqayyo ofuma kootii warran addaan isaan baafadhe abboomeera, akkasuma immoo gootota koo warra ulfina kootti gammadan waameera; isaanis dheekkamsa koo jara irratti in raawwatu.

[4] Sagaleen namoota baay'ee, wacuun mootota lafa irraas tulluu irraa in dhaga'ama; Waaqayyo gooftaan maccaa waraanaaf loltuu isaa walitti qabachaa jira;

[5] isaan biyya fagoodhaa fi daarii lafaatii in dhufu; yommus Waaqayyo mi'a aarii isaatiin lafa hundumaa in balleessa.

[6] Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera, innis isa hundumaa danda'u biraa badiisa waan fiduuf wawwaadhaa!

[7] Yommus harki hundinuu in dadhaba, garaan nama hundumaas akka gagaa in baqa;

[8] isaan in sodaatu, gaddii fi dhiphinni isaan in qabata; akka dubartii ciniinsifattu in miixatu, wal ilaalaniis in rifatu, fuulli isaaniis akka barbadaa ibiddaa in diimata.

[9] Kunoo! Guyyaan Waaqayyoo inni hamaan, lafa onsuuf, warra cubbamootas isa irraa balleessuuf, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan in dhufa.

[10] Yommus urjoonni waaqaa fi urjoonni“Sadee” jedhaman ifa isaanii hin kennan; aduun ba'aa jirtus in dukkannoofti, jiinis ifa ishee hin kennitu.

[11] Waaqayyo gooftaan, “Biyya lafaa, hammina isaatiif, jal'ootas yakka isaaniitiif nan adaba; of jajuu warra of gurguddisanii irraa nan fixa, ol ka'uu warra hamootaas gad nan qaba.

[12] Namni warqee qullaa'aa irra akka muraasatu, sanyiin namaas warqee Ofiir irra akka yaratu nan godha;

[13] kanaaf ani Waaqayyo gooftaan maccaa guyyaa dheekkamsa kootti, guyyaa aarii koo isa boba'aatti, bantiiwwan waaqaa nan rom'isiisa, laftis iddoo isaatii akka socho'u nan godha.

[14] “Akka kuruphee namni ari'uu fi akka hoolota nama walitti sassaabu hin qabnee, akkasuma namni hundinuu kara karaa gara saba isaatti in deebi'a, gara biyya isaattis in baqata;

[15] kan booji'amu hundinuu in waraanama, kan qabamu hundinuus billaadhaan in dhuma;

[16] daa'imoonni isaanii ija isaanii duratti gargar in ciramu, manneen isaanii in saamamu, dubartoota isaaniittis namni in roorrisa.

[17] “Kunoo! Ani warra Medoon warra meetii tuffatanii fi warra warqee hin jaallanne isaanitti nan kaasa;

[18] iddaan isaanii dargaggoota in cira, daa'imootaaf hin oo'u, ijoollotaafis hin hilu.

[19] Baabilon isheen mootummoota hundumaa irra miidhagdu, isheen ulfinaa fi of jajuu saba ishee warra Kaldootaa taate, akkuma Sodoomii fi Gomoraa, warra ani Waaqayyo barbadeesse in taati.

[20] Bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu, dhalootaa hamma dhalootaattis ishee keessa hin taa'u; namni biyya Arabaa achi keessa godoo hin dhaabbatu, tiksoonnis hoolota isaanii achi keessa hin deechifatan.

[21] Bineensonni achi keessa in ciisu, manneen isaanii keessas hurungoonni in guutu; guchiin achi keessa in jiraatti, korbeeyyiin reettiis achi keessa in burraaqu;

[22] manneen warra jajjaboo keessatti waraabessoonni in yuusu, mana isaan itti gammadan keessattis waangonni in iyyu, yeroon Baabilon jala ga'eera, guyyaan ishees dhi'aateera” in jedha.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters