Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:40

[1] Bara Ahaaz ilmi Yotaam Uziyaa mootii Yihudaa turetti, Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israa'el, Yerusaalemin loluudhaaf itti in duulan; garuu mandarattii qabachuu hin dandeenye;

[2] warri Sooriyaa fi warri Efreem akka walii galan Ahaaz mootiin Yihudaa yommuu dhaga'e, garaan mootichaa fi garaan saba isaatii akkuma muka caakkaa keessaa qilleensi raasutti in raafame.

[3] Waaqayyo yommus Isaayaasiin,“Ilma kee She'aariyaashubii wajjin gara dhuma faaggaa kuufama bishaanii isa gara olii karaa maasii namicha uffata miicuu Ahaazin simachuudhaaf itti adeemi!

[4] Isatti dubbadhuu,“Calluma jedhi malee, isa Resiinii fi namoonni isaa, ilmi Remaaliyaas dheekkamanii banbanan hin sodaatin! Isaan gufuuwwan aaranii seeqan waan ta'aniif, garaan kee akka hin raafamnetti of eeggadhu!” jedhi!

[5] Warri Sooriyaa fi warri Efreem ilma Remaaliyaa wajjin sitti koratanii,

[6] “Kottaa dhaqnee biyya Yihudaa qabannee rakkifnee in hirmaanna! Ilma Xaabe'elis isa irratti in moosifna” in jedhu.

[7] Ani Waaqayyo gooftaan garuu, “Wanti kun hin ta'u, fiixaanis hin ba'u!

[8] Mataan Sooriyaa Damaasqoo akkuma ta'e, mataan Damaasqoo immoo Resiin; waggoota jaatamii shanan kana keessatti Efreem in caccaba, saba ta'uun isaas in hafa;

[9] mataan Efreem Samaariyaa akkuma ta'e, mataan Samaariyaa immoo ilma Remaaliyaa ti; yoo amanuu dhabaattan jabaattanii dhaabachuu hin dandeessan” nan jedha” jedhe.

[10] Ammas Waaqayyo Ahaazitti in dubbate;

[11] inni,“Baay'ee gad fagoo yookiis baay'ee ol fagoo iyyuu yoo ta'e, ana Waaqayyo gooftaa kee biraa milikkita kadhadhu!” jedhe.

[12] Ahaaz immoo deebisee,“Ani hin gaafadhu, Waaqayyoonis hin qoru” jedhe.

[13] Yommus Isaayaas,“Yaa sanyii Daawit, mee dhaga'aa! Inni isin nama dadhabsiiftan isinitti xinnaannaan Waaqayyo koos immoo dadhabsiiftuu ree”

[14] Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas “Amaanu'el” jettee in moggaafti; [“Amaanu'el” jechuunis “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuu dha].

[15] Inni isa hamaa jibbuu, isa gaariis fo'achuu hamma barutti itittuudhaa fi damma in nyaata;

[16] yaa Ahaaz, mucichi hamaa jibbuu, gaariis fo'achuu utuu hin barin, biyyattiin mootonni ishee lamaan si sodaachisan sun in onti;

[17] mootii Asor sitti kaasuudhaan, Waaqayyo, erga Efreem Yihudaatii gargar cabdee jalqabee wanta ta'e hin beekne si irratti, saba kee irratti, mana abbaa kee irrattis in fida” jedhe.

[18] Waaqayyo yommus titiisa qarqara laga Gibxii fi kanniisa biyya Asor siiquudhaan si irratti in waama;

[19] hundumti isaaniis dhufanii dachaa lafaa keessa, holqa dhagaa keessa, huuxxii qoraatii hundumaa keessa, iddoo horiin bishaan dhugdu hundumaa keessas in qubatu;

[20] yommus gooftichi qarabaa isa laga Efraaxiis gamaa mootii Asor irraa dugda bitateen rifeensa mataa, rifeensa garaa, areedas in haada.

[21] Bara sana namni tokko goromsa tokkoo fi bushaayee lama in qabaata;

[22] isaan aannan baay'ee waan qabaniif, namichi itittuu in nyaata; warri biyyatti hafan hundinuus itittuu fi damma in nyaatu.

[23] Yommus iddoo mukkeetiin waynii kumatti lakkaa'aman, gatiin isaaniis meetii kumatti lakkaa'amu turan qoraattii fi kosorruun in dhaala;

[24] biyyichi qoraattiidhaa fi kosorruudhaan waan guutuuf, namni achi adeemu xiyyaa fi iddaa qabatee dhaquutu irra jira;

[25] gaarota warra dur gasoodhaan soqamaa turan hundumaa qoraattii isaaniitii fi kosorruu isaaniitiif namni keessa ba'uu waan hin dandeenyeef, lafa saawwanii fi hoolota itti yaasanii dhidhiichisan in ta'u.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters