Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:21

[1] Qajeelummaan ishee akka biiftuu ganamaa hamma ol ba'utti, fayyinni ishees akka guca bobba'utti hamma ibsutti, ani waa'ee Xiyooniif calluma hin jedhu, waa'ee Yerusaalemiif hin boqodhu.

[2] Sabni lafa irraa qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee in argu; maqaa haaraa isa Waaqayyo ofii isaatii siif kenneen in waamamta;

[3] ati akka gonfoo miidhaginaa fi akka marata mootiin mataatti maratuutti harka Waaqayyo gooftaa keetii keessatti in eegamta;

[4] Ati si'achi, “Ishee gad dhiifamte” hin jedhamtu, ati,“Ishee ani jaalladhu” biyyi kees, “Ishee abbaa manaa qabdu” in jedhamti; Waaqayyo si jaallata'o, biyyi kees abbaa manaa in argatti.

[5] Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, akkasuma ilmaan kee si fudhatanii qabeenya isaanii si in godhatu; akkuma dhirsi misirroo misirroo isaatti gammadu, akkasuma Waaqayyo kees sitti in gammada.

[6] Yaa Yerusaalem, ani kelloota mandara kee irra eegdota kaa'eera, isaan halkanii fi guyyaa calluma hin jedhan; isin warri waa'ee Yerusaalem Waaqayyo duratti dhi'eessitan hin boqotinaa!

[7] Hamma Waaqayyo Yerusaalemin deebisee jabeessee dhaabutti, hamma inni akka isheen biyya lafaa irratti jajamtu godhutti, boqonnaa isaaf hin kenninaa!

[8] Waaqayyo irree isaa mirgaa isa cimaa ol kaasee, “Si'achi diinni kee midhaan kee akka nyaatu hin godhu, daadhii waynii kee isa ati itti dadhabde hojjettes ormi akka dhugu hin godhu;

[9] isin warri midhaanicha sassaabdanii galchitan garuu midhaanicha nyaattanii Waaqayyoon in galateeffattu; warri ija waynii funaantanii manatti galchitanis oobdii mana qulqullummaa koo keessatti daadhii waynii in dhugdu” jedhee kakateera.

[10] Kellaa mandaraa keessa ba'aa, gad ba'aatii sabaaf karaa qopheessaa! Ka'aa, ka'aatii karaa guddaa tolchaa, dhagaa karaa keessaa fufuudhaa, saba lafa irraatiif faajjii ol fuudhaa!

[11] Waaqayyo kunoo, intala Xiyooniin, “Ilaa! Fayyisaan kee in dhufa, gatiin inni namaaf kennu isa harka jira, miindaa isaas of duraa qaba” jedhee, hamma andaara lafaatti in labse.

[12] Yommus sabni isaa,“Saba qulqullaa'aa, isa Waaqayyo fure” in jedhama; yaa Yerusaalem ati immoo, “Mandara ishee barbaadamte, ishee hin gatamne” jedhamtee in waamamta.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters