[1] Waaqayyo, kunoo! Biyya lafaa onaa fi duwwaa in godha; Inni irra lafaa in geddara, warra isa irra jiraatanis in tamsaasa.
[2] Immata irratti kan ta'u, luboota irrattis in ta'a; isa namaaf hojjetu irratti kan ta'u, isa hojjechiifatu irrattis in ta'a; ishee namaaf hojjettu irratti kan ta'u, ishee hojjechiifattu irrattis in ta'a; isa bitu irratti kan ta'u, isa gurguru irrattis in ta'a; isa ergifatu irratti kan ta'u, isa ergisu irrattis in ta'a; isa liqeeffatu irratti kan ta'u, isa liqeessu irrattis in ta'a.
[3] Waaqayyo dubbii kana waan dubbateef, lafti guutummaatti duwwaa in ta'a, raawwatees saamamee in ona.
[4] Lafti gaddaan in coollaga, biyyi lafaa gogee in bada, gurguddoonni saba lafaa in mudhuku.
[5] Warri lafa irra jiraatan abboommii fi seerrata Waaqayyoo irra daddarbanii, kakuu bara baraas cabsuu isaaniitiin lafa in xureessan.
[6] Kanaaf abaarsi lafa in balleessa, namoonni isa irra jiraatan yakka oofii isaanii in baatu; kana irraa kan ka'es namoonni lafa irra jiraatan in gubatu, isaan keessaa immoo muraasi in hafa.
[7] Dameen muka waynii in coollaga, mukti wayniis ija in dhaba; warri dur garaan isaanii gammadu amma in gaddu;
[8] sagaleen dibbee inni nama gammachiisu, waci warra quufanii iyyaniis gab in jedha; sagaleen kiraaraas in hafa;
[9] namni akka durii daadhii waynii dhugee geeraru hin jiru, dhugaatii cimaan warra dhugutti in hadhaa'a;
[10] mandarattiin ontee in diigamti, homtinuu akka ol itti hin galleefis manneetiin warri hafan hundinuu in cufamu.
[11] Karaa irra dhaabatanii daadhii wayniitiif in iyyu; gammachuun hundinuu gadda in ta'e, ililleenis biyya keessaa in bade;
[12] mandarattiin akkuma ontetti in hafti, karri ishees in caccabdi;
[13] yommus biyyi lafaa fi saboonni lafa irraa, muka ejersaa isa iji isaa irraa hurgufamuu fi muka waynii isa iji isaa irraa ciramee, coraan isaa irratti hafee in fakkaatu.
[14] Warri hafan immoo sagalee isaanii ol fudhatanii, gammachuudhaanis ulfina Waaqayyoo in faarfatu, gara lixa-biiftuuttiis guddina isaa in odeessu.
[15] Egaa warri gara ba'a-biiftuu galata isaaf galchaa, warri galaana qarqaraas maqaa Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el galateeffadhaa!
[16] Gara qarqara lafaatii faarfannaa, “Isa qajeelaadhaaf ulfina kennaa!” jedhu in dhageenya; ani garuu deebisee, “Ani nama gad deebi'aa dha, ani nama gad deebi'aa dha, anaaf wayyoo! Gantoonni hin amanaman, gantoonni hin amanaman” nan jedhe.
[17] Yaa warra lafa irra jiraattanii! Na'uun, kiyyoon diriirfamaan, boolla keessatti kufuunis isin in eeggata.
[18] Inni sagalee iyyaa sodaatee jalaa fiigu, boolla keessatti in kufa; isa boolla keessaa ol ba'u immoo kiyyoon in qaba; yommus ittifni duraa fuudhamee bishaan bantii waaqaa keessaa gad in dhiifama, hundeen lafaas in socho'a;
[19] lafti in dho'a, caccabees in hurraa'a, guddaas in socho'a;
[20] lafti akka nama machaa'ee gatantaruu in godhatti, akka godoo qilleensi raasuus in raafamti, irra-dadarbaan ishee isheetti in ulfaata, in kufti, deebitees hin kaatu.
[21] Yeroo sanatti Waaqayyo, humnoota bantii waaqaa keessa jiranii fi mootota warra lafa irra jiran in adaba;
[22] isaan akka namoota booji'amanii walitti qabamanii, boolla keessa in buufamu; mana hidhaatti in galfamu, bara baay'ee booddees isaanitti in faradama;
[23] Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu Xiyoon irratti, Yerusaalem keessattis yommuu mo'u, jiini in dimimmifti, biiftuunis akka nama qaana'ee fuula fokkisutti ibsuu in dadhabdi; maanguddoonni isaaniis ulfina isaa in argu.