[1] Yeroo sanatti Waaqayyo billaa isaa isa sodaachisaadhaan, isa qaramaadhaa fi jabaadhaan lewaataan bofa isa murxuxxifamu, lewaataan bofa isa marmaramaa sana in adaba; jawwee guddaa isa galaanatti galus in ajjeesa.
[2] Yommus Waaqayyo, “Wal jalaa qabaatii weeddisaa! Iddoo dhaabaa muka waynii isa namatti tolu sanaaf weeddisaa!
[3] “Ani Waaqayyo eegduu isaa ti, yeroo hundumaa bishaan nan obaasa, namni tokko illee akka isa hin miinetti, halkanii fi guyyaa isa nan eega;
[4] ani si'achi isatti hin aaru, qoraattii fi kosorruun yoo jiraatanis, lola isaanitti nan kaasa, dafees ibiddaan gubee isaan nan barbadeessa.
[5] Yookiis immoo anatti kooluu haa galan, anaa wajjinis nagaa haa buusan!?” in jedha.
[6] Bara dhufutti Yaaqoob hidda in yaafata, Israa'el hudhee in daraara, iji inni godhatus biyya lafaa irra in guuta.
[7] Waaqayyo akkuma warra kaan rukute, saba Israa'el rukutee ree” Akkuma diinonni isaanii ajjeefaman namoonni Israa'elis ajjeefamanii ree”
[8] Lakkii! Innoo akkuma balleessaa isaaniitti isaan in adabe, akkuma qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan, yommuu qilleensa'u, waanuma arge fuudhee sokku, innis akkasuma hafuura isaa isa sodaachisaa itti baafatee, oofee biyyaa isaan in baase.
[9] Dhagoonni iddoo aarsaa waaqayyolii tolfamoo hundinuu yommuu caccabanii daakaman, utuboonni fakkeenya waaqayyittii tolfamtuutiif dhaabaman, iddoon aarsaa ixaanaas achii yommuu badan, yakki Yaaqoob in balleeffamaaf kanaanis cubbuun isaa hundinuu in dhiifamaaf.
[10] Mandarri isheen dur masaraan itti naanna'ee ture, amma in onti, qe'een keessaa adeemanis akka lafa onaatti in gatame; jabbiin achi keessa in dheeddi, achi keessa ciiftees lataa muka hundumaa dheeddee in fixxi;
[11] dameen isaa yommuu gogu, dubartoonni qoraan isaa in cabsatu; kun saba waa hubachuu hin dandeenyee dha, kanaaf inni isaan uume isaaniif hin oo'u, inni isaan tolches isaaniif hin hilu.
[12] Yeroo sanatti Israa'eloota warra galaana Efraaxiisii kaasee hamma daarii laga Abbayyaatti jiran Waaqayyo akka nama midhaan rukutee ija isaa keessaa harcaasuutti tokko tokkoon funaanee walitti in qaba;
[13] yommus fiinoo guddaan in afuufama, warri biyya Asoritti badanii fi warri biyya Gibxiitti oofaman gara biyya isaaniitti deebi'anii Yerusaalem keessatti tulluu Waaqayyoo isa qulqullaa'aa irratti isaaf in sagadu.