[1] Ifni kee dhufeera, ulfinni Waaqayyoos siif ba'eera, kanaafis ka'ii ibsi!
[2] Kunoo! Dukkanni lafatti in uffisa, dukkanni limixiinis saba lafa irraa in dhoksa; siif garuu ifni Waaqayyoo in ba'a, ulfinni isaas si irratti in argama.
[3] Sabni lafa irraa gara ifa kee, mootonnis gara biiftuu isa siif ba'uu in dhufu.
[4] Ol jedhii asii fi achi ilaali! Hundumti isaanii walitti qabamanii gara kee in dhufu; ilmaan kee fagoodhaa in dhufu, intaloota kees kaasuutti baatanii gara kee in fidu;
[5] ati kana yommuu argitu fuulli kee in ifa, onneen kees gammachuu irraa kan ka'e na'ee in dha'ata; qabeenyi galaana keessa jiru hundinuu kan kee in ta'a, badhaadhummaa saba lafa irraas siif in fidu.
[6] Gaalonni cocolleen danuun, biyya Miidiyaanii fi biyya Eefaatii dhufanii, biyya kee keessa in guutu; namoonni biyya Sheebaatii dhufan hundinuu, warqeedhaa fi ixaana fe'anii in fidu, galata Waaqayyoos in himu.
[7] Karri bushaayee Qedaar hundinuu siif walitti in qabamu, korbeeyyiin Nabaayyootis dhimma ati barbaaddu irra siif in oolu; isaan hundinuu aarsaa fudhatamoo ta'anii iddoo aarsaa isa kan Waaqayyoo irratti in dhi'eeffamu; Waaqayyo immoo manni ulfina isaatii ulfina akka argatu in godha.
[8] Warri akka duumessaa, akka gugeewwan mann'ee isaaniitti fiiganii balali'an kun eenyufa'i”
[9] Ilmaan kee warra biyyoota galaana gidduu keessaa Waaqayyoon abdatan, biyya fagoodhaa warra fidan keessaa, markaboonni Tarshiish warra duraa ti; isaan meetii isaanii fi warqee isaanii isaanii wajjin in fidu; kanas maqaa Waaqayyo gooftaa kee isa qulqulluu kan Israa'el isa ulfina siif kenneef jedhanii in godhu.
[10] Waaqayyo,“Yaa Yerusaalem, warri ormaa kellaa mandara keetii in ijaaru, mootonni isaaniis siif in hojjetu; ani aaree si rukuteen ture, amma garuu siif oo'ee sin maara;
[11] sabni lafa irraa badhaadhummaa isaanii gara kee akka fidaniif, mootonni isaaniis tarreedhaan akka ol galaniif, karroonni kee yeroo hundaa banamanii in taa'u, halkanii fi guyyaas hin cufaman.
[12] Sabni yookiis mootummaan siif hin hojjenne in bada, inni raawwatee in balleeffama;
[13] yommus si Yerusaalemin deebisanii ijaaruuf, mana qulqullummaa koo ittiin miidhagsuuf, mandara koos ulfina-qabeettii gochuuf, birbirsa, muka yeroo hundumaa baalli isaa lalisuu fi qaraaroo caakkaa Liibaanon keessaa in fidu.
[14] Ilmaan warra si cunqursaa turanii amma gugguufanii gara kee in dhufu; warri dur si tuffatan hundinuus amma miilla kee jalatti in kufu; isaan,“Ati mandara Waaqayyoo ti Xiyoon mandara Waaqayyoo isa qulqulluu kan Israa'el” jedhanii si in moggaasu.
[15] “Isa dur namni si irraa goree, si jibbees ture, isa dur namni tokko illee si keessa hin darbine, amma immoo ani bara baraan surra-qabeettii sin godha, dhaloota hundumaafis iddoo gammachuu in taata;
[16] ati aannan saba warra kaanii in dhugda, qabeenya moototaas in nyaatta; yommus ani Waaqayyo inni aango-qabeessi kan Yaaqoob isa si fayyisuu fi isa si furu akkan ta'e in beekta.
[17] “Ani qooda sibiila borrajjii, warqee, qooda sibiilaa, meetii, qooda mukaa, sibiila borrajjii, qooda dhagaas, sibiila nan fida; nagaan eegduu kee, qajeelummaanis geggeessituu kee akka ta'u nan godha,
[18] si'achi sagaleen humnaan nama irratti ka'uu biyya kee keessatti hin dhaga'amu; miidhaan yookiis balleessaan daarii biyya kee keessatti hin argamu; kelloota mandara kee“Fayyina?, balbaloota kees “Galata” jettee in moggaafta.
[19] “Ani Waaqayyo ibsaa bara baraa siif nan ta'a, ulfina kootu ifa kee ta'a malee, si'achi guyyaa biiftuun, halkanis jiini ifa siif hin ta'u;
[20] aduun kee deebitee hin lixxu, jiini kees ifa ishee hin hir'iftu; ani Waaqayyo ifa bara baraa siif nan ta'a, barri gadda keetiis in raawwatama.
[21] Yommus sabni kee hundinuu qajeelota in ta'u, biyyichas dhaala bara baraa in godhatu; isaan biqiltuu isa ani dhaabe, isa ani ulfina koo ittiin argisiisuuf harka kootiin hojjedhee dha.
[22] Maatiin xinnaan baay'atee kumaatama in ta'a, inni hundumaa irra gad deebi'aanis saba aango-qabeessa in ta'a; ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa dafee nan raawwadha” jedhe.