[1] Wanti mandara Xiiros irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; markaboonni Tarshiish biyya Qophrosii utuu deebi'anii, Xiiros diigamtee, manneenii fi iddoo buufata markabaa malee hafuu ishee dhaga'anii in wawwaatu;
[2] isin naggaadonni Sidoon, warri qarqara galaanaa jiraattan, warri ergamoonni keessan markabaan galaana irra adeeman calluma jedhaa!
[3] Midhaan Siihor galaana guddicha irra, wanti qarqara galaana Abbayyaatii makaramus, galaana irra gara Sidoonitti in geeffama ture; isheen saba lafa irraatiif iddoo nagadaa taatee turte.
[4] Yaa Sidoon yeella'i! Galaanni dubbatee, humni galaanaas himee, “Ani hin ciniinsifanne, hin deenyes; ijoollee dhiiraa harma hin hoosifne, ijoollee durbaas hin guddifanne” jedhe.
[5] Xiiros akka diigamte yommuu dhaga'an, warri Gibxii na'anii in rom'u.
[6] Yaa warra galaana qarqara jiraattanii, gara Tarshiishitti ce'aatii wawwaadhaa!
[7] Kun mandara keessan ishee gammachuu qabdi turte, ishee bara baay'ee jiraatte, namoonni ishees biyya fagoo dhaqanii akka taa'aniif ergaa turte sana mitii”
[8] Xiiros ishee dur gonfoo namaaf kennaa turte, ishee naggaadonni ishee gurguddoota biyyaa turan, warri mi'a ishee gurguranis biyya lafaa irratti ulfina-qabeeyyii turan, egaa eenyutu ishee irratti murtoo godhe”
[9] Waaqayyo gooftaa maccaatu, of bokoksuu gurguddoota ishee hundumaa gad deebisuudhaaf, namoota ishee warra biyya lafaatti ulfina argatan hundumaas salphisuudhaaf, ishee irratti murtoo godhe.
[10] Yaa mandara Tarshiish, akkuma lagni Abbayyaa guutee irra danbali'u, si'achi ittisi waan hin jirreef, galaanni si irra in yaa'a;
[11] Waaqayyo harka isaa galaana irratti ol fudhatee mootummoota rom'isiiseera; masaraan Kana'aanis akka diigamuuf abboomeera.
[12] Inni mandara Sidoonitti immoo dubbatee, “Ati yaa mandara Sidoon ishee namni itti roorrisuu! Si'achi deebitee gammachuu hin argattu, ka'ii biyya Qophrositti gad bu'i, garuu achumatti iyyuu boqonnaa hin argattu” jedheen.
[13] Mee biyya Baabilon ilaalaa! Sabni amma hin beekamne kun dur achi ture, warri Asor riqaa itti ijaaranii, masaraa isaas in diigan; biyya sanas iddoo bineensi jiraatu in godhan.
[14] Masaraan keessan waan diigameef, isin yaa warra markaboota Tarshiish ooftanii wawwaadhaa!
[15] Yommus Xiiros waggaa torbaatamaaf in irraanfatamti, innis bara jireenya mootii tokkoo ti; waggaa torbaatama booddee immoo akkuma weedduu warra gaalamootaa keessatti,
[16] “Ka'ii kiraara kee fudhadhu yaa gaalamoota irraanfatamtee, akka yaadatamtutti mandara keessa naanna'i, sagalee miidhagaadhaan weeddisii faarfadhu!” jedhamee in ta'a.
[17] Waggaa torbaatama booddee Waaqayyo, Xiirosin in yaadata; isheen immoo deebitee nagada isheetii fi gaalamootummaa isheetiin horii in argatti; mootota biyya lafaa irra jiran hundumaa wajjinis in ejjiti;
[18] bu'aan ishee fi wanti isheen argattu garuu Waaqayyoof kennaa addaan baafame ta'a malee, walitti qabamee hin tuulamu; warri Waaqayyoof hojjechuudhaaf fuula isaa dura dhaabatan nyaata gaarii fi uffata miidhagaa ittiin in bitatu.