[1] Waaqayyolii tolfamoonni warra Baabilon, “Beel” inni jedhamu in qoomma'a, “Neboon” inni jedhamu immoo in gugguufa; isaan horii fe'umsaa fi horii qe'ee warra kaanitti in fe'aman; horii itti fe'aman sanas in dadhabsiisan.
[2] Waaqayyolii tolfamoonni sun in gugguufu, walii wajjinis in qoomma'u, fakkeenya isaanii isa baatamu sana oolchuu hin danda'an, ofii isaaniitii iyyuu booji'amanii in adeemu.
[3] Waaqayyo,“Isin yaa mana Yaaqoob, sanyii Israa'el keessaa warri haftan na dhaggeeffadhaa! Garaa haadha keessanii keessatti anatu isin eege, dhalachuu keessanii jalqabees anatu isin baate;
[4] yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas.
[5] “Eenyutti na fakkeessitu, eenyuu wajjinis wal nu qixxeessitu” Yookiis eenyuu wajjin wal fakkaannaa”
[6] Namoonni warri warqee korojoo isaanii keessaa baasanii, meetiis madaalii irra kaa'an, nama warqee tumu itti qacaratanii, Waaqayyo tolfamaa in hojjechiifatu, jilbeenfataniis isatti in sagadu;
[7] ol fuudhanii gatiittii irratti isa in baatu, geessaniis iddoo isaaf qophaa'e in kaa'u; inni achuma ijaajja malee, iddoo isaatii hin socho'u; rakkina keessattis tokko illee nama gargaaruu hin danda'u; namni yommuu isatti iyyatu, isa biraa deebii tokko illee hin argatu.
[8] “Isin warra irra-daddarbituu nana, kana yaadadhaa, garaattis qabadhaa!
[9] Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru;
[10] ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta'in jiru dubbadheera; akeeki koo dhaabataa in ta'a, wantan yaades nan raawwadha.
[11] Joobira biyya ba'a-biiftuutii, nama akeeka koo fiixaan baasus biyya fagoodhaa nan waama; wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga'a, akeeka koos nan raawwadha.
[12] Isin warri mata-jabeeyyiin, warri qajeelummaattii fagaattan, na dhaggeeffadhaa!
[13] Ani qajeelummaa koo isinitti nan dhi'eessa, innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin turu; ani Xiyooniif fayyina, Israa'eliifis ulfina nan kenna.