Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:30

[1] Kunoo! Mootiin qajeelummaadhaan mo'uu fi gurguddoonni firdii qajeelaadhaan geggeessan in dhufu;

[2] tokkon tokkon isaanii akka iddoo qilleensa jabaa jalaa itti baqatanii, akka da'oo bubbee jalaa itti baqatanii, akka bishaan lafa gogaa keessa yaa'uu, akka gaaddisa kattaa guddaa isa lafa dheebotaa keessa jiruus in ta'u.

[3] Yommus iji warra ilaaluu mul'inatti in arga; gurri warra dhaga'uus in dhaggeeffata;

[4] garaan warra hawwa qabanii ogummaa in hubata, arrabni warra giingees qajeelchee mul'isees in dubbata.

[5] Yommus namni gowwaan ulfina hin argatu; namni doqnis “Arjaa dha” hin jedhamu.

[6] Namni gowwaan gowwummaa in dubbata, yaadni isaas jal'inaan guutuu dha; inni wanta hamaa in hojjeta, wanta dubbatuunis Waaqayyoon in arrabsa; warra beela'an hagabuu gad in dhiisa, warra dheebotanis bishaan in dhowwata;

[7] malli nama jal'aa hammina, namni hiyyeessi wanta qajeelaa yoo dubbate iyyuu, namni jal'aan immoo dubbii sobaatiin warra dhaboo gara badiisaatti oofuudhaaf, akeeka jal'aa in qopheeffata;

[8] namni guddaan garuu, wanta ulfina qabu yaadee in qopheessa, wanta ulfina-qabeessa duwwaadhaafis in dhaabata.

[9] Isin yaa dubartoota yaaddoo tokko malee jiraattanii, ka'aa, sagalee koo dhaga'aa! Isin yaa intaloota bir'aa tokko malee jiraattanii, dubbii koo dhaggeeffadhaa!

[10] Isin yaa dubartoota bir'aa tokko malee jiraattanii, dhaabaan waynii ija waan hin godhanneef, makariin ija mukaas waan hin jirreef, si'achi waggaa tokkoo fi yeroo muraasa booddee naatanii hollachuuf jirtu!

[11] Isin yaa dubartoota yaaddoo tokko malee jiraattanii rom'aa! Isin yaa warra bir'aa tokko malee jiraattanii holladhaa! Uffata keessan of irraa baasaa, mudhii keessanittis uffata gaddaa hidhadhaa!

[12] Maasii isa ba'eessaa fi dhaabaa waynii isa ija gaarii godhatuuf qoma keessan rurrukutaatii boo'aa!

[13] Maasii saba koo isa qoraattii fi kosorruu biqilcheef, manneen namoonni keessatti gammadaa turan hundumaaf, mandara ililleen keessaa badeefis boo'aa!

[14] Manni mootii in ona, mandarri isheen waci keessa guutes gab in jetti; gaarri, riqaan irra ijaajjanii biyya eegan irra jirus bara baraan bakkee harroonni diidaa fi saawwan dheedan in ta'a.

[15] Waaqayyo hafuura isaa olii nu irratti yommuu dhangalaasu, lafti onaan iddoo dhaabaa mukkeetiin iji isaanii nyaatamu keessatti argamu in ta'a, mukkeetiin kunis guddatanii akka caakkaa in ta'u;

[16] firdii qajeelaan lafa onaa keessa, qajeelummaanis lafa midhaan baasu keessa in buufata;

[17] iddoo qajeelummaan jiru nagaan jira, iji qajeelummaa bir'aa malee gabiitti jiraachuu dha;

[18] yommus sabni koo manneen nagaa keessa in jiraata, iddoo sodaanii fi bir'aan hin jirres iddoo boqonnaa isaa in godhata;

[19] caakkaa warra diinotaa garuu cabbiin in balleessa, mandarri isaaniis in diigama;

[20] isin warri qarqara bishaanotaatti midhaan facaafattan, saawwanii fi harrootas iddoo barbaaddanitti yaafattan gammadaa!

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters