Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:36

[1] Waaqayyo keessan,“Jajjabeessaa! Saba koo jajjabeessaa!

[2] Garaa saba Yerusaalem kan rukutu dubbadhaatii, cubbuu isaa hundumaaf harka Waaqayyo keessaa adaba dachaa lama akka fudhate, barri inni garbummaatti rakkachaa ture akka raawwate, yakki isaas akka dhiifameef, itti himaa!” jedha.

[3] Sagaleen nama lafa onaa keessaa lallabu tokkoo, “Waaqayyoof karaa tolchaatii haraa, lafa duwwaa keessattis karaa gooftaan keenya irra adeemu qajeelchaa!

[4] Dachaan hundinuu ol haa kaafamu, tulluun, gaarris hundinuu haa kuffifamu! Inni bu'aa-ba'iin diriiraa haa ta'u, inni wal caccaalaanis wal haa qiqixxaatu!

[5] Yommus ulfinni Waaqayyoo in mul'ata, Waaqayyo ofii isaatii kana waan dubbateef, namni hundinuu kana arguuf jira” in jedha.

[6] Sagaleen tokko,“Labsi!” utuu jedhuu nan dhaga'e, ani immoo kana irratti,“Maal jedhee labsu?” nan jedhe; inni immoo deebisee, “ ‘Namni hundinuu akka margaa ti, miidhagummaan isaanii hundinuus akka daraaraa bakkee keessaa ti;

[7] yommuu Waaqayyo hafuura isaanitti baafatu, margichi in coollaga, daraarichis in harca'a; dhugumaan sabichi akka margaa ti;

[8] margichi in coollaga, daraarichis in harca'a, dubbiin Waaqayyo keenyaa garuu bara baraan dhaabatee in hafa” jedhi!” jedhe.

[9] Yaa isa Xiyoonitti misraachoo himtuu tulluu dheeraatti ol ba'i! Yaa isa Yerusaalemitti misraachoo himtuu, sagalee kee humnaan ol fuudhi! Ol fuudhi, hin sodaatinis! Mandaroota Yihudaatiin, “Ilaa, Waaqayyo keessan!” jedhi.

[10] Kunoo! Waaqayyo gooftaan humnaan in dhufa, irree isaatiinis in mo'a. Kunoo! Gatiin inni namaaf kennu isa harka jira, miindaa isaas of duraa qaba;

[11] inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.

[12] Eenyutu bishaanota harkaan hammaaree safare” Eenyutu waaqota taakkuudhaan safare” Eenyutu biyyoo lafaa guubootti naqee fixuu danda'a” Eenyutu tullootaa fi gaarota madaalii irra kaa'a”

[13] Eenyutu humna hafuura Waaqayyoo shallaguu danda'a” Eenyutus Waaqayyoon gorsee barsiisuu danda'a”

[14] Inni eenyuun gorsa gaafata” Yaada ogummaa eenyu irraa argata” Karaa qajeelaa eenyutu isa barsiisa” Beekumsa ittiin hubatus kan isa barsiisu eenyu?

[15] Kunoo! Sabni lafa irraa akka copha qodaa bishaanii irraa cophuu ti, akka awwaara madaalii irra buufatuu ti, kunoo! Biyya bishaan keessaa hundumaas akka awwaarri ka'utti isaan in kaasa;

[16] qoraan caakkaa Liibaanon keessa jiru aarsaa gubamuuf hin ga'u; bineensonni achi keessa jiranis qalma gubamuuf hin ga'an;

[17] sabni lafa irraa hundinuu isa duratti wayyitti hin galan, isaan isa duratti waan tokkotti iyyuu hin lakkaa'aman.

[18] Waaqayyoon eenyutti fakkeessitu” Fakkeenya attamiitii wajjinis wal bukkee qabdu”

[19] Namni harka-toleessi waaqayyolii tolfamoo bifa garaa garaatiin in tolcha; inni warqee tumu warqee isatti in uffisa, dirata meetiis isaaf in qopheessa;

[20] namni hiyyumaaf isa akkasii godhachuu hin dandeenye, muka keessaa isa dafee hin bosofne in fo'ata, nama harka toleessas barbaaddatee, fakkeenya waaqayyolii tolfamoo isaatii hojjechiifatee, akka inni hin sochoonetti in dhaabsifata.

[21] Isin hin beeknee ree” Hin dhageenyeesii ree” Jalqaba duriitii jalqabee isinitti hin himamne moo” Biyyi lafaa attamitti akka uumame isin hin hubannee ree”

[22] Isa guutummaa biyya lafaa gara irraa taa'utu isa uume, warri lafa irra jiraatan isa duratti qorophisa in fakkaatu; inni waaqa akka golgaa in diriirse; akka dunkaana keessa jiraataniis isa in dhaabe.

[23] Inni isa gurguddoota biyyaa wayyitti akka hin galle, abboota firdii biyya lafaa irraas waan tokkotti akka hin lakkaa'amne godhee dha;

[24] facaafamuun isaanii utuu hin beekamin, dhaabamuun isaanii utuu hin baramin, hundeen isaaniis utuu lafa hin qabatin, inni achumaan hafuura isaanitti in baafate; isaan achumaan in coollagan, akka habaqiis bubbeedhaan in fuudhaman.

[25] Kanaafis,“Eenyutti ana fakkeessitu” Eenyu wajjinis wal nu qixxeessitu?” jedhe inni qulqulluun.

[26] Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume” Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa” Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta'eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.

[27] Yaa Yaaqoob, yaa Israa'el, “Karaan koo Waaqayyo duraa in dhokate, firdiin koos Waaqayyo koo biratti anaaf hin ilaalamne” jettee maaliif dubbatta” Maaliifis komatta”

[28] Ati hin beeknee ree” Hin dhageenyeesii ree” Waaqayyo, gooftaa bara baraan jiraatuu dha, inni isa guutummaa biyya lafaa uumee dha; inni hin mudhuku, hin dadhabu, hubannaa isaas namni qoree bira hin ga'u;

[29] inni warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna;

[30] ijoollonni in dadhabu, in mudhukus, dargaggoonnis gufatanii in kufu;

[31] warri Waaqayyoon abdiidhaan eeggatan garuu humni isaanii in haareffama; akka joobiraas baalleedhaan ol in ka'u; in fiigu, garuu hin dadhaban, in adeemu, garuu hin mudhukan.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters