Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 7:34

[1] Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo'a, ammas Israa'eloota fo'ee biyya isaanii keessa in teessisa; sabni ormaa isaanitti in dabalama, sanyii Yaaqoobittis in hirkata;

[2] sabni lafa irraa Israa'eloota fuudhee gara iddoo isaanii duriitti isaan in geessa; isaan biyya Waaqayyoo keessatti saba sana garbichaa fi garbittii in godhatu; Israa'eloonni warra dur isaan qabatan, amma immoo deebisanii in qabatu, warra dur isaan cunqursan, amma immoo darabee isaanii in mo'u.

[3] Ati yaa Israa'el, yommuu Waaqayyo gadda kee, dhiphina kee fi garbummaa ati keessa turte keessaa si baasee boqonnaa siif kennu,

[4] mootii Baabilon irratti weedduu mo'ichaa, “Inni nama cunqursaa ture attamitti dhuma argate! Dheekkamsi isaas attamitti dhaabate!

[5] Waaqayyo ulee nama jal'aa in hunkuteesse, ulee mootummaa warra nama mo'aniis in hurreesse;

[6] inni dheekkamsa isaa irraa kan ka'e, utuu gargar hin kutin, saba lafa irraa in rukute; aariidhaan isaan in mo'e, oo'a malees isaan in ari'e.

[7] Amma biyyi lafaa guutummaatti boqonnaa fi gabii in argatte, gammachuudhaanis in ililchite;

[8] Gaattiraa fi birbirsi Liibaanon sitti ga'isanii, “Erga ati gad qabamtee, namni nu muruudhaaf dhufu hin jiru” in jedhu.

[9] “Yommuu ati iddoo lafa jalaatti gad buutu, innis gad fagoodhaa socho'ee si simata; ekeraanis nagaa si gaafachuudhaaf in ka'u, warri dur lafa irratti geggeessitoota turan hundinuu, mootonni saba lafa irraas teessoo isaanii irraa in ka'u;

[10] hundumti isaanii, “Atis akkuma keenya dadhabaa dhaa” Atis akkuma keenya taatee?” jedhanii sitti in wacu.

[11] Ulfinni kee fi sagaleen maseenqoo kee, gara iddoo lafa jalaatti gad in darbatame; afanni kee bunqursaa, uffanni kees raammoo in ta'e.

[12] “Ati yaa ilma ganamaa, isa akka bakkalcha barii ibsuu! Attamitti bantiiwwan waaqaa irraa gad darbatamte! Ati inni saba gad qabaa turte, amma immoo attamitti lafatti dabalamte!

[13] Ati garaa kee keessatti, “Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba'a, urjoota Waaqayyoo gara irraas teessoo koo nan dhaabbadha, tulluu iddoo walga'ii isa dhuma gara bitaa jiru irras nan taa'a;

[14] duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a, isa hundumaa gara irraa jiruttis of nan fakkeessa” in jette.

[15] Ati garuu iddoo lafa jalaatti in darbatamte, qillee keessas in buute.

[16] “Warri achitti si argan dinqisiifatanii, “Kun isa lafa rom'isiisaa ture, isa mootummoota raasaa ture,

[17] isa biyya lafaa onse, isa mandaroota diigee balleesse, isa warra hidhaman gad hin dhiifnee dha mitii?” in jedhu.

[18] “Reeffi mootota saba lafa irraa hundinuu adduma addaan ulfinaan awwaala oofii isaanii keessa in kaa'ama;

[19] kan kee garuu akka damee muramee tuffatamee awwaala kee keessaa baafamee, diidatti gatama malee, hin kaa'amu; warra gorra'amanii billaan isaan u'uree wajjin, boolla dhagaa keessa in buufama, miillaanis gad in dhidhiitama.

[20] Ati biyya kee waan balleessiteef, saba kees gorraatee waan fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu; sanyiin warra hamaa godhanii bara baraan deebi'anii maqaa hin dha'aman.

[21] Isaan ka'anii biyya qabatanii mandara isaaniitiin lafa akka hin guunnetti, sababii yakka abboota isaaniitiif ilmaan isaanii fixuudhaaf iddoo qopheessaa!” jettee in weeddifta.

[22] Waaqayyo gooftaan maccaa, “Ani isaan irratti nan ka'a” jedha; itti dabalees,“Ani Waaqayyo, Baabilon keessaa maqaa ishee fi hambaa ishee, ilmaanii fi ilmaan ilmaan isaanii lafa irraa nan balleessa;

[23] Baabilonin iddoo dhaddeen itti galtu, laga caffees nan godha, harataadhaanis haree ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.

[24] Waaqayyo gooftaan maccaa kakatee, “Akka ani yaade in ta'a, akka ani murtoo godhettis in raawwatama;

[25] ani warra Asor biyya koo biyya Israa'el keessatti nan caccabsa, tulluu koo irrattis isaan nan dhidhiita, waanjoon isaanii saba koo irraa in fuudhama, ba'aan isaaniis gatiittii saba koo irraa in bu'a” jedhe.

[26] Murtoon guutummaa biyya lafaatiif qophaa'e isa kana, harki saba hundumaa irratti ol fuudhames kana;

[27] Waaqayyo gooftaan maccaa murtoo godheera, eenyutu isa hambisa ree” Harki isaas ol fuudhameera, eenyutu isa gad deebisa ree?

[28] Wanti kun bara Ahaaz mootichi du'e himame;

[29] yaa warra Filiisxiyaa hundumti keessan, uleen isin rukute waan cabeef, mee baay'ee hin gammadinaa! Sanyii hidda bofaa keessaa mar'ataan in ba'a, ilmoon isaas bofa balali'u in ta'a;

[30] hiyyeessonni warri gadadamoonni tika in argatu, warri dhibamanis yaaddoo malee nagaatti in jiraatu; sanyii kee garuu beelaan nan rukuta, innis saba kee keessaa warra baraaraman ajjeesee in fixa.

[31] Yaa karrootaa wawwaadhaa! Yaa mandarootaa iyyaa! Yaa warra Filiisxiyaa, hundumti keessan sodaadhaa, akka gagaa baqaa! Gara bitaatii aarri in dhufa, tarreen isaas wal irraa hin citu.

[32] Warra saba sana biraa ergamanii dhufaniif maal deebii kennina” “Waaqayyo Xiyoonin jabeessee dhaabeera, sabni isaa warri rakkatan ishee keessatti iddoo baqaa in argatu” jenna.

Macaafa Isaayaas Raajichaa — Chapters